Aangoo fi gahee Waajira lafa Magaalaa Naannoo Oromiyaa

Akkaataa Labsii Qaama Raawwachiiftuu lakkoofsa 242/2014tiin

6. Biiroo Lafaa
Biirichi aangoofi hojii armaan gadii ni qabaata:
1) Lafa naannichaa ni bulcha; qabiinsa ragaa lafaa hammayyaawaa ta’e akka jiraatu ni
hojjata; hojii kaadaastaraa ni raawwata; qabiyyee lafaa ni galmeessa; kaartaa abbaa
qabiyyee lafaa ni kenna; bulchiinsa lafaatiin walqabatee hojii qaawwisaa, ji’oispaashaalii fi maappiingii ni hojjata; ragaa isaa qaama dhimmi ilaaluuf ni kenna;
2) Sirna kenninsa tajaajilaa, dhiyeessaafi bulchiinsa lafaa ni qopheessa; hojiirra oolmaa
isaa irratti sirna iftoomina, qulqullinaafi itti gaafatamummaa ni mirkaneessa; hojiirra
akka oolu ni taasisa;
3) Qorannoo itti fayyadama lafaa ni gaggeessa; akka gaggeeffamu ni taasisa; karoora itti
fayyadama lafaa ni qopheessa; yammuu mirkanaa’u qaama itti fayyadamuuf dabarsee
ni kenna; hojiirra oolmaa isaa qaama dhimmi ilaallatu waliin ni to’ata; deeggarsa ni
kenna;
4) Lafa hojii misoomaafi tajaajila adda addaatiif oolu qoratee ni qopheessa; Baankii Lafaa
hundeessuun ni kuusa; ragaa barbaachisu qaama ilaallatuuf ni kenna; raawwii isaa ni
hordofa; yammuu misoomni xumuramu walharkaa fudhiinsa ni taasisa;
5) Lafa hojii misooma albuudaaf oolu qaama biraatiin kan hin qabamne yookiin tajaajila
biraatiif oolaa kan hin jirre ta’uu isaa qulqulleessuufi daangessuun qaama dhimmi
ilaallatuuf ragaa ni dabarsa; qaama hayyama hojii misooma albuudaa qabuuf waraqaa
ragaa mirga itti fayyadamaa ni kenna; kunuunfamuu isaa ni hordofa; yammuu
misoomni albuudaa xumuramu hojii misooma biraaf karaa ooluu danda’uun
sirreefamuu isaa mirkaneessuun baankii lafaatti ni deebisa;
6) Lafa pirojektii investimentiif oolu bu’uurri misoomaa guutameef, falmiifi mormii adda
addaa irraa bilisa ta’e qoratee ni qopheessa; baankii lafaatti ni kuusa; ragaa isaa Biiroo
Investimantii fi Industriif ni kenna; akkaataa seeraatiin qaama hayyamameef ni
dabarsa; lafichi kaayyoo barbaadameef ooluu isaa ni hordofa; tarkaanfii sirreeffamaa
qaama dhimmi ilaalu wajjiin ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
7) Namoota dhuunfaa yookiin dhaabbileen mirgi abbaa qabiyyee lafaa kennameef mirga
qabiyyee isaanii dhaalaan, kennaadhaan, kiraadhaan, waliin misoomsuu yookiin

jijjiirraadhaan itti dabarsan ni mirkaneessa; jijjiirraa abbaa qabiyyee lafaa ni galmeessa;
waraqaa ragaa seeraan ala kenname ni haqa;
8) Gaaffii abbaa qabiyyee lafaa irratti hundaa’uudhaan iddoo adda bahee daangeffame
tokko keessatti mirga abbaa qabiyyee ni mirkaneessa;
9) Itti fayyadama, dhorkaafi ittigaafatamummaa qabiyyee lafaa ni galmeessa; akka
galmaa’u ni taasisa; ni haaromsa; ni sirreessa; ni haqa;
10)Qabannaa lafaa seeraan alaa yookiin ijaarsa seeraan alaa ni to’ata; ni hordofa;
tarkaanfii ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa; qaama dhimmi ilaalu waliin
qindoominaan ni hojjata;
11)Qajeelfama raawwii kaffaltii beenyaa kaafamtoota misoomaa qopheessuun Mana
Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiif ni dhiyeessa; yemmuu mirkanaa’u
hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa;
12)Kaffaltiin beenyaa haala gabaa yeroo irratti kan hundaa’e akka ta’u qorannoo
gaggeessuun qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; yammuu mirkanaa’u hojiirra ni
oolcha;
13)Shallaggii beenyaa lafa magaalaafi baadiyyaa hojii misoomaafi tajaajila adda addaatiif
barbaadamu akkaataa seeraatiin qaama dhimmi ilaalu waliin ni raawwata; kaffaltiin
beenyaa osoo lafa isaanii irraa hin ka’in dursee akka kaffalamuuf ni taasisa; namoota
qabiyyee isaanii gadi lakkisan deebi’anii akka ofdanda’an qaama dhimmi ilaalu waliin
ni hojjata; ni hordofa; ni to’ata;
14)Hojmaata walharkaa fuudhiinsa lafa daangaa magaalaa fi gandoota Baadiyyaa ni
diriirsa; hojiirra ni oolcha; akka hojiirra oolu ni taasisa; ni hordofa; bakka hanqinni
jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata;
15)Lafa baadiyyaa maastar pilaaniidhaan gara magaalaatti daangeffame ragaa
barbaachisaa ta’e qopheessuun qaama dhimmi ilaallatu waliin walharkaa fuudhinsa ni
raawwata;
16)Magaalota keessattii fi daangaa magaalotaa irratti ijaarsi seeraan alaa akka hin
gaggeeffamne qaama dhimmi ilaallatu waliin ni hojjata; ni hordofa; ni to’ata;
17)Hulaa misoomaafi giddugala guddinaa ilaalchisee qorannoo ni gaggeessa; akka
gaggeeffamu ni taasisa; bu’aa isaa hojiirra ni oolcha; karoora qubannaa baadiyyaa
qaama dhimmi ilaalu waliin ni qopheessa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha;
18)Lafa jallisiin misoomu akka qoodamu yoo murtaa’e itti fayyadamtootaaf ni qooda;
waraqaa ragaa ni kenna;

19)Istaandardii bal’ina lafa magaalaafi baadiyyaa misoomaafi tajaajila adda addaatiif oolu
ni qorata; mootummaaf ni dhiyeesa; yammuu mirkanaa’u hojiirraa ni oolcha;
20)Ragaaleefi odeeffannoo lafaa ni gurmeessa; ni kuusa; ni bulcha; sirna odeeffannoo
hammayyaa ta’e ni diriirsa; akkaataa barbaachisummaa isaatti qaamni barbaadu akka
argatu ni taasisa;
21)Gaaffii jijjiirraa gosa pirojektii investimentiin ala jiran pilaaniifi seera jiru irratti
hundaa’uun qaama dhimmi ilaalu waliin ni raawwata; qaama dhimmi ilaalu kan biroo
ni beeksisa; raawwii isaa ni hordofa; ni to’ata;
22)Lafa dhaabbilee misoomaa mootummaa harka ture gara abbaa qabeenyaa dhuunfaatti
yammuu darbu bal’inni lafaa akkaataa waliigaltee keessatti ibsameen ta’uu isaa ni
mirkaneessa; lafti waliigalteen ala qabame baankii lafaa mootummaatti ni deebisa;
23)Gaaffii lafaa dhiyaatuuf simachuun qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; yammuu
murtaa’u ni raawwata; ni raawwachiisa; raawwii isaa ni hordofa; ni to’ata; bakka
hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
24)Iddoowwan magaalaa dullooman qoratee adda ni baasa; deebi’ee akka misoomu qaama
dhimmi ilaalu waliin haala ni mijeessa; raawwii isaa ni hordofa;
25)Seera liizii lafa magaalaafi seerota biroo hojii bulchiinsaafi ittifayyadama lafaa hojiirra
ni oolcha; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa; ni to’ata;
26)Ragaa lafaafi qabeenya qabiyyee lafaa walitti ni qaba; dijitaalaafi waraqaadhaan ni
galmeessa; sirna kaadastaraatiin akka qabamu ni taasisa; ni bulcha; ni misoomsa;
wiirtuu odeeffannoo ragaa qabiyyee lafaa ta’ee ni tajaajila; ni qaaccessa; qaama dhimmi
ilaallatuuf ni kenna;
27)Ragaa sirna odeeffannoo kaadaastara magaalotaafi baadiyyaa ni qindeessa;
nageenyummaa isaa ni to’ata; tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; kaartaa bu’uuraafi
kaartaa kaadaastaraa ni qopheessa; akka qophaa’u ni taasisa; ni bulcha; ni haaromsa;
28)Gaaffii jijjiirraa abbaa qabiyyummaafi tajaajila qabiyyee lafa magaalaafi baadiyyaa
akkaataa seeraatiin ni raawwata; qaama dhimmi ilaaluuf ni beeksisa; hojiirra oolmaa
isaa ni hordofa;
29)Sirna lafti adda bahee itti galmaa’uuf qophaa’e hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni
taasisa;
30)Istaandardii irratti hundaa’uudhaan koodii yookiin lakkoofsa addaa qabiyyee iddoo
kaadaastara seeraatiin galmaa’eefi daangaan isaa ifatti beekame ilaalchisee ragaa abbaa
qabiyyee ni kenna;

)Seerotaafi istaandardiiwwan galmeessa qabiyyee lafaafi ragaa lafaa ilaalchisee bahan
naannichaa keessatti bifa walfakkaatuun hojiirra ni oolcha; hojirra ooluu isaanii ni
mirkaneessa;
32)Sirna teknolojii kaadaastara seeraafi bu’uura misooma neetworkii ni misoomsa; akka
misoomu ni taasisa; wayitaawaa ni taasisaa; ni bulcha; ragaalee kaadaastara seeraa
akkaataa seerri hayyamuun ummataaf banaa akka ta’u ni taasisa;
33)Sarveeyingii qabiyyee lafaa istaandaardii irratti hundaa’uudhaan daangaa lafaa
fudhatamummaa qabu irratti ni murteessa; qophii kaartaa iskeeliifi tajaajila adda
addaatiif oolu ni raawwata; hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa;
34)Tuqaalee too’annoo lafaa (Ground control point) sadarkaa lammaffaafi sadaffaa
qiyyaasa kaadaastaraatiif gargaaruuf dhaabaman akkaataa barbaachisummaa isaatti ni
baay’isa; sadarkaafi qulqullina isaa eeggate daangaa magaalaa keessatti ni dhaaba; akka
dhaabbatu ni taasisa; ni bulcha;
35)Sirni waljijjiirraa ragaa yookiin odeeffannoo itti fayyadamaafi galmeessa qabiyyee lafaa
magaalota naannichaa jidduutti akka diriiru ni taasisa; akkaataa seeraatiin qaama
birootiif ni kenna;
36)Gatii kaffaltii tajaajilaa galmeessa mirga abbaa qabiyyummaatiif raawwatamu qoratee
ni dhiyeessa; yammuu murtaa’u hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa;
akkaataa barbaachisummaa isaatiin fandii wabii hojii isaatiif barbaachisu ni mijeessa;
37)Gatii ka’umsa liiziifi kiraa lafaa qaama dhimmi ilaalu waliin qoratee Mana Maree
Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif ni dhiyeessa; yammuu murtaa’u hojiirra akka
oolu ni taasisa;
38)Qorannoo itti fayyadama lafa baadiyyaa irratti hundaa’uudhaan giddugala baadiyyaa
qaama dhimmi ilaalu waliin ni daangessa; karaa Inistitiyuutii Pilaaniitiin pilaaniin akka
qophaa’uuf ni taasisa; ni hordofa; ni to’ata, pilaanicha ilaalchisee gochi seeraan ala
raawwatame irratti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata;

Published by Adem Yusuf Bakke

Ethiopian legal insight

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started