Qabiyyee Lafa Baadiyyaa

 

Darbinsa Yeroo Falmii Lafa Baadiyyaa.

✅Biyya keenyatti lafas ta’e qabeenya uummamaa biroo irratti namni dhunfaa mirga abbaa qabeenyummaa horachuu hin danda’u.

✅Akka tumaa Heera RDFI kwt 40(4-5) irraa hubachuun danda’amutti mirgi namni dhunfaa lafa baadiyyaa irratti horachuu danda’u inni guddaan mirga abbaa qabiyyummaa qofa.

✅ Qabiyyeen lafaa kunis nama umuriin isaa waggaa 18 guutee qonnaan bulaa, horsiisee bulaa ykn gamis horsiisee bulaa ta’e ykn fedhii qotee ykn horsiisee buluu qabuf bilisan kennama.

✅Labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa naannoo oromiyaa labsii lakk 130/1999 keewwata 2(3) jalatti qabiyyee lafa baadiyyaa karaa seera qabeessaan argame jechuun mootummaa irraa kennaadhaan,maatii irraa kennaan yookiin dhaalmaan qabiyyee argame qofa akka ta`e ifaan tumamee jira.

✅Akkaataa lafti karaa seera qabeessa ta’en kennaan mootummaa irraa akkasumaas maatii irraa kennaa fi dhalmaan itti argamtu labsii kanaa fi danbii labsicha raawwachiisuuf bahe danbii lakk 151/2005 jalatti bal’inan tumamee jira.

✅Fakkeenyaaf namni tokko qabiyyee lafa isaa miseensa maatii isaa qofaaf kennaan yookiin dhaalaan dabarsuu akka danda’u Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa labsii lak.130/1999 keewwata 6(1) jalatti tumameera.

✅Kana jechuun akka tuma kana irraa hubatamuti lafa karaa seera qabeessa ta’en kennan yokiin dhalmaan argachuuf miiseensa maatii abbaa qabiyyee lafa tana ta’u qabda jechuudha.

✅Karaa seera qabeessa ta’een kennaan mootummaa irraa argachuufis akkaatuma labsii fi danbii kanaatiin qaama mootummaa aangoo qabuu irraa karaa seeraa qabeessa ta’een qabiyyee lafa argamudha.

✅Garagaltoon kanaa immoo lafa qabiyyee seeraan alaa jechuun akkaataa olitti ibsine kanaan karaa faallaa ta’een qabiyyee argame ta’uu isaa kan hubatamuudha.

✅Mirgi abbaa qabiyyumaa lafa baadiyyaa halaa kanaan argame kunis mirga daangaa hin qabne (absolute right) akka hin taanee fi mirgi kun akkaataa seeraan ta’een hafaa tahuu akka danda’u heerri mootummaas ta’e labsii fi danbiin lafa baadiyyaa kun ifatti tumanii jiru.

✅Karaaleen mirgi abbaa qabiyyumaa lafa baadiyyaa kun itti hafaa tahu baayyee keessa tokko akkaataa Danbii lakk.151/2005 keewwata 32 jalatti tumamee jirutti darbinsa yerootiin mirga abbaa qabiyyummaa hafaa tahuu dha.

✅Danbii lakk.151/2005 kwt 32 jalatti namni qabiyyee lafa baadiyyaa tokko seeraan ala qabate hanga waggaa 12 tti gadi lakkisiisuun akka danda’amu fi darbinsa yerootiin akka hin dangoofne tumameera.

✅Kun immoo waggaa 12 booda mirgi abbaa qabiyyee duraanii hafaa akka ta’u mul’isa.

❇️Iddoo kanatti dhimmi falmisiisan yeroo baayyef mannen murtii oromiyaa fi hayyoota seeraa jidduu ture akka danbii kana keewwata 12 jalatti tumame kanatti qabiyyee seeran ala qabatame hanga waggaa 12 ttii gadi lakkisiisuun ni danda’amaa isa jedhu kana ilalchisee qabiyyee seeran ala jechuun maal jechuu akka ta’ee fi murtiilee dhaddachi ijibaataa mana murtii waliigala federaalaa darbinsa yeroo falmii lafa baadiyyaa irratti kennaa ture irraa ka’eeti.

✅Qabiyyee seeraan alaa jechuun akka labsii fi danbii bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa irra hubatumutti akkuma olitti bal’inaan ibsame kanatti qabiyyee lafaa akkaataa labsii fi danbii kana jalatti tumamee jirun karaa faallaa ta’een argame akka ta’e kan hubatamuu dha.

✅Fakkeenyaaf miseensa maatii abbaa qabiyyee lafa sana osoo hin ta’in kennaan lafa kan argatu yoo ta’e akkaataa labsii kana keewwata 6 jalatti tumameen karaa walfalleessun qabiyyee argame waan ta’eef qabiyyee seeraan alaa ta’uu isaati.

✴️Haa ta’u garuu dhimma kanaan walqabatee MMWFDHI murtiileen jildii adda addaa irratti kannee jiru labsii fi danbii lafa baadiyyaa kanaan kan walfaalleessuu dha.

❇️Fakkeenyaaf MMWFDHIJ murtii dirqisiisoo jildii 14ffaa lakka galmee 79394 ta’e irratti kanneen abbaan qabiyyee tokko lafa qabiyyee isaa taate liqiidhaaf qabsiisuu fi nama miseensa maatii isaa hin taaneef dabarsuuf mirga hin qabu jechuun erga ibsee booda seeraan gochuun wanta dhoorgaa ta’e tokko irratti waliigalteen taasifame waliigaltee seeraan alaa waan ta’eef waliigalteen kun jalqabumarraahuu kaasee bu’aa hin qabu jechuun murteeseera.

✅Dabalataan dhaddachi kun ibsa bal’inaan jildii kana irratti kanneen kaayyoon bu’uraa waliigaltee tokkoo seeraan kan hin hayyamamnee fi kan dhorkame yoo ta’e waliigalteen kun waliigaltee seeraan alaa waan ta’eef manneen murtii yeroo himanni waliigaltee akkanaa kun isaaniif dhiyaatutti waliigaltee kana raawwatinsa hin qabu jechuun murteessuu akka qabanii fi waliigaltee seeraan alaa kanaas kufaa taasisuuf himanni dhiyaatu darbiinsa yerootiin kan hin dangeefamne ta’uu isaa labsii lafa baadiyyaa lakk 130/1999 waliin walqabsiisuun murteeseera.

Karaa biraatiin MMWF dhaddacha ijibbaataa jildii 13ffaa lakk galmee 69291 ta’e irratti murtii kanneen Akka heera mootummaa kwt 40(3) tti lafti qabeenya hin gurguramne ykn hin geedderamne fi qabeenya uummataafi mootummaa akka ta’ee fi waliigalteen bittaa fi gurgurtaa lafa irratti taasifamu kamu faallaa heera mootummaa fi seerota lafaa waan ta’eef waliigalteen bittaa fi gurgurtaa bitaa fi mirgi lafa irratti godhan seeraan ala.

✅Waliigalteen seera ala immoo darbiinsa yeroon hin daangeeffamu jechuun murteesseera.

✅Erga dhaddachi ijibaataa mana murtii waliigalaa federaalaa kun darbinsa yeroo qaabiyyee lafa baadiyyaa waliigaltee seeraan alaatiin argame darbinsa yerootiin hin danga’u jechuun haala olitti ibsine kanaan murteesee boodas manneen murtii oromiyaa waligalteen seeraan alaa kan darbinsa yerootiin hin dangoofne kunis gurgrgurtaa lafa baadiyyaa qofa akka ta’etti fudhachuun murteessaa kan turanii fi darbinsa yeroo falmii lafa baadiyyaa kanneen biroo akkaatuma danbii lafa baadiyyaa danbii lakk 151/2001 keewwata 32 ttiin kan keessuumeessaa turaniidha.

✅Sababni isaas keewwatichi lafa seeraan ala qabame waan jedhuuf lafa seeraan ala qabatame isa jedhu kana qabiyyee lafaa karaa labsii fi danbii lafa baadiyyaa falleessuun argame kanneen akka kennaa seeraan alaa waan ta’eef kun immoo akkaataa murtii dhaddacha ijaabataa kanaan waliigaltee seeraan alaatiin lafa argame kan jedhu kana balifnee kennaas akka dabalatutti kan hiikamu yoo ta’e danbii fi labsi kanaan walitti bu’uu danda’a yaada jedhu irraa ka’ameeti.

✅Sababa kanaaf manneen murtii keenya falmii lafaa akka daangaa yeroo hin qabnetti murteessaa turan falmii waliigaltee gurgurtaa lafa baadiyyaa walin walqabatu qofa.

✴️Dabalatan dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 22ffaa lakkoofsa galmee 140538 ta’e irratti murtii kanneen qabiyyee Lafa baadiyaa waggoota dheeraaf nama biraatiin qabamee turee fi faayidaa irra oolaa turee fi qabiyyeen kunis bu’uura waliigaltee seeraan alaatiin kan qabame ta’uun isaa hanga hin mirkanoofnetti waggaa 12 (kudha lama) booda qabiyyee kana gadi lakkisiisuuf himatni dhihatu darbiinsa yeroo waggaa 12 tiin kan daangeeffamu ta’uu isaa dambii Labsii lafa baadiyaa naannoo oromiyaa raawwachiisuuf bahe danbii Lakk. 151/2005 keewwata 32 waliin wal qabsiisuun murteesee jira.

✳️Manneen murtii keenya murtii dhaddacha ijibaataa kana boodallee waliigaltee seeraan alaatiin lafa argame isa jedhu kana akka danbii lafa baadiyyaa keewwata 32 waliin walitti hin buuneef waliigaltee gurgurtaa lafa baadiyaa qofa akka ta’etti fudhachuun murtii kennaa kan turanii dha.

⚛Kun osuma kanaan jiru manni murtii waliigalaa naannoo oromiyaa dhaddachi ijibaataa jildii 8ffaa lakk galmee 333084 ta’e irratti dhimma iyyattuun lafan abbaa kiyya irraa dhaaluu qabu himatamaan miseensa maatii keenyaa osoo hin ta’in seeraan ala gaafa abbaan kiyyaa lubbuun jiru kennaan isarraa waan argateef akka naaf gadi lakkisu jechuun murtii manneen murtii jalaa kan falmiin kee darbinsa yeroo waggaa kudha lamaatiin( l2) ttiin dangaha jechuun dura kuffisan irraa oliyyattee fi waamaman immoo falmiin iyyattuu darbinsa yeroo waggaa 12 ttiin kufaa waan ta’uuf murtiin manneen murtii jalaa akka naaf cimu jechuun falmate irratti waamaman lafa kana iyyattuuf akka gadi lakkisu jechuun murteeseera

✍ #kunis

✅ Nama qabiyyee lafa baadiyyaa seeraan ala qabate kamiyyuu hanga waggaa 12tti gadi dhiisisuuf darbiinsa yerootiin akka hin daangofne ta’uu Dambii Bulchiinsaa Fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa lak.151/2005 keewwata 32 jalatti kan tumame irraa ni hubatama.

✅Kana jechuun kallattii biraatiin yoo hiikamu qabiyyee lafa baadiyyaa karaa seeraan alaatiin namni qabate tokko akka gadi lakkisu gaafatamuu kan danda’u hanga waggaa 12 qofatti ta’uu isaa ti

✅Kana jechuun immoo waggaa 12 booda abbaan qabiyyee sababa darbinsa yerootiin gaafachuu akka hin dandeenye tahun kan hubatamuu dha

✅Garuu waliigaltee seeraan alaatiin qabiyyee lafa baadiyyaa argachuu jechuun bittaa fi gurgurtaa lafaatis waan dabalatuuf kan heera mootummaa federalaa fi naannoo keenyaa lafti kan uummataa fi kan mootummaa akka ta’ee akkasumaas kan hin gurguramnee fi hin jijjiiramne isa jedhuu wajjiin kan walfaallessuu dha

✅Akka heera mootummaa keewwata 9(2) jalatti tumamettis  gochi heera mootummaa wajjin walfaallessu raawwatinsa kan qabu miti

✅Kallattii biraatiin immoo waliigalteen seeraan ala ta’e tokko darbinsa yerootiin daangeeffamuu akka hin dandeenye dhaddachi ijibaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa jildii 12 lak.galmee 43226 ta’e irratti dhaddacha gaafa 07/06/2003 ooleen murtii dirqisiisaa kenneera

✅Akkasumas dhimma falmii qabiyyee lafa baadiyyaa wajjin walqabatu irratti murtii jildii kana irratti kenname eeruun jildii 14ffaa lakk. Galmee 79394 ta’e irratti dhaddacha guyyaa 25/08/2008 ooleen murtii dirqisiisaa kennee jira

✅Murtii dirqisiisaa dhaddacha Ijibbaataa Federaalaatin kennamu immoo manneen murtii biyya kana hunda irratti bu’ura labsii lak.457/1997 keewwata 2(1) ttiin raawwatinsa kan qabu dha

✅ Dambiin Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa lak.151/2005 keewwatni 32 tumaa Heera Mootummaa Fi Murtii Dirqisiisaa Dhaddacha Ijibbaataa Federaalaatin kenname wajjin kan walfaalleessuu dha

✅Keessattuu dambichi kan lafti hin gurguramu, hin jijiiramu jedhamee heera mootummaa keessatti tumame waliin kan walfaallessu waan ta’eef raawwatinsa kan qabu miti

✅Falmii ka’e ilaalchisee waamamaan lafa qabiyyee abbaa iyyattuu irraa kennaan fudhatee yeroo dheeraa itti fayyadamaa turuu isaa kan falmu ta’ullee miseensa maatii abbaa iyyattuu waan hin taaneef namni miseensa maatii abbaa qabiyyee hin taane immoo kennaan lafa baadiyyaa abbaa qabiyyee irraa argachuu waan hin dandeenyeef waliigaltichi waliigaltee seeraan alaa ta’a

✅Waliigalteen seeraa ala ta’e tokko darbinsa yeroon kan hin daangeffamnee fi yeroo kamiyyuu yeroo gaafatametti kan diigamu waan ta’eef waamamaan seeraan ala lafa kennaan abbaa iyyattuu irraa argatee yeroo dheeraaf qabate itti fayyadama turus waligalteen seeraan alaa darbinsa yerootiin waan hin dangeefamneef lafa falmii kaafte iyyatuuf gadi haa lakkisuu jechuun murtii manneen murtii jalaa diiguun lafa iyyattuuf murteeseera

❇️Kanaafuu manneen murtii keenya hundinu akka kanaan duraati ejjannoo adda addaa calaqisiiuu osoo hin ta’in himannaa qabiyyee lafa baadiiyyaa waliigaltee seeraa alaa kennaa fi gurgurtaas dabalatee dhiyaatu hunda isaa akkaatuma murtilee manneen murtii dhaddacha ijibaataa fedeeralaa fi dhaddacha ijibaataa mana murtii waliigala naannoo keenyaa murteesaniin darbinsa yerootiin osoo hin daangeessin yeroo kamittuu simichuun waliigaltee seeraan alaa lafa baadiyyaa waliin wal qabatu kamiyyuu raawwatinsa akka hin qabne gochuu qabu

✴️Erga akkana ta’e daangaan (scope) danbii lafa baadiyyaa keewwata 32 lafa seeraan ala qabatame hanga waggaa 12 gadi lakisiisuun ni danda’ama kan jedhu kun daangaan isaa hangami, dhimmoota akkamii hammachuu danda’a gaafii jedhuuf kallattii kaa’uun barbaachiisa

✅Kunis akkaataa xinxaala olitti bal’inan tasifne kanatti daangaan keewwata kana lafa baadiyyaa seeraan ala humnaan yokiin iccitiidhaan fedhii abbaa qabiyyee malee qabamte deebisuuf himannaa dhiyaatu qofa akka ta’e kan hubatamuu dha

✅Sababni isaas falmiin lafa baadiyyaa kanarraa hafe falmii dhalmayaan walqabatu yommuu ta’u falmii lafa baadiyyaa dhaalmayaan walqabatu irratti immoo darbinsi yeroo raawwii qabu kan danbii lafa baadiyyaa keewwata 32 jalatti tumame waggaa 12 osoo hin ta’in kan seera dhaalati raawwwii qaba (SHH keewwata 1000) jechuudha.

✍Sababni isaas dhimmi falmiif sababa ta’e lafa haa tahu malee himataan lafaan dhalmaayaan ani argachuu qabu yokiin lafa dhaalmayaa gahee kiyya himatamaan qabatee gadi naaf lakkisuu waan dideef dhaltuu tahuun kiyya naaf mirkanaa’ee lafa ani dhaluuf malu akka gadi naaf lakkisu jechuun bu’ura SHH keewwata 999 ttiin himannaa dhaaltummaa (petition heareditatis) dhiyeefachuun kan falma jiru waan taheef darbinsa yeroo ilaalchisee seeri addaa raawwii qabus seera dhaalati jechuudha

⚛Qabxii kana ilaalchisee DhIMMWO galmee lakk 97001 ta’e irratti haala kanaan murteesee ture

✅kunis falmii nama dhaaltuu fi dhaaltuu hin taane jiddutti ka’uuf darbinsi yeroo raawwii qabu kan SHH keewwata 1845 jalatti tumamee jiru yommuu ta’u

✅Falmii dhaaltu fi dhaaltuu jiddutti ka’uuf immoo darbinsi yeroo raawwii qabu kan SHH keewwata 1000 jalatti tumamee jiru dha

✅Darbinsa yeroo eenyummaa garee ilaalchisuun haala kanaan gargaar qoodee DHIMMWF jildii 6ffaa lakk galmee 26422 ta’e irratti kan murteessee dha

#Dhiyeenya kana immoo DHIMMWF jildii #24ffaa lakk galmee 179827 irratti murtii kanneen namni tokko lafa baadiyyaa karaa seera qabeessa ta’een argachuu isaa hanga hin mirkaneesinitti karaa seeraa ala ta’en qabachuun isaa tilmaamni waan fudhatamuuf darbinsa yeroo akka mormii sadarkaa duratti kaasuu hin danda’u jechuun labsii lafa baadiyyaa naannoo Amaaraa keewwata 55 waliin walqabsiisuun murteesee jira.

Kana jechuun namtichi himatamee lafa falmii kaafte karaa seera qabeessa ta’een qabachuu isaa yoo mirkaneesse himannii kufa ta’e lafti isaa murtaa’a

 Namtichi lafa falmii kaafte kana karaa seeraan alaatiin kan qabatu yoo ta’ee fi osoo inni hin qabatin dura lafichi qabiyyee himataa yoo taate garuu sababa waggaa dheeraa qabatee itti fayyadamaa tureef darbinsa yeroo akka mormii sadarkaa duratti kaasuun abbaa qabiyyee lafa kanaa ta’u waan hin dandeenyeef lafa falmii kaafte himataaf gadi lakkisa .

☑️ Darbinsi yeroo danbii lafa baadiyyaa naannoo oromiyaa keewwaata 32 jalatti tumamee jiru mirga himataa himannaa dhiyeesuu kan dangeessuu dha moo namni waggaa 12 oliif lafatti fayyadamaa ture abbaa qabiyyee lafa tanaa ta’u akka danda’uufi? Amma hoo akkaataa murtii MMWFDHIJ jildii 24ffaa irratti murteese kanaan darbinsi yeroo danbii kana keewwata 32 jalatti tumamee jiru miila bakar waaree ta’e jira.

✍ kanaan dura manni murtii waliigala oromiyaa galme hin maxxanfamin tokko irratti lafa himatamaan waggaa digdama ol waniin qabadhe itti fayyafama jiruuf himannaan himata darbinsa yerootin kan dangahudha jechuun falmaa ture ilaalchisee qabiyyee lafa akka seerati karaa sadi qofaan kan argamu waan taheef himatamaan lafa falmii kaafte waggaa digdama sababa itti fayyadame qofaaf abbaa qabiyyee tahuu waan hin dandeenyeef akka himataaf gadi lakkisu jechuun murteesee jira.

 

Published by Adem Yusuf Bakke

Ethiopian legal insight

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started