Yakka ajjeechaa fi Adabbii

✅️Namni kamiyyuu itti yaadee yookiin dagannoon meeshaa yookiin tooftaa akaakuu kamiiniyyuu nama biroo kan ajjeese yoo ta’e ajjeesaa lubbuuti.Adabbiin nama itti yaadee yookiin dagannoon nama ajjeesuun balleessaa ta’erratti murtaa’u, akka salphinaafi cimina ajjeechaa sanaatti bu’uura tumaalee ajjeechaa lubbuu seera yakkaa keessatti ibsamaniin murtaa’a.Itti yaadee yookiin dagannoon kan nama ajjeese hundi kan adabamu bu’uura adeemsota murtii seera qabeessa ta’aniifi murtiiwwan isaanii qofaan ni ta’a.seera yakkaa keewwata 538

✅️ Namni kamiyyuu nama ajjeesuuf yaanni yookiin sababni inni duraan qabu, meeshaan yookiin tooftaan itti fayyadame, haalli ajjeechaa yookiin ajjeechaan itti raawwatame sababni waliigalaa adabbii cimsu /keewwata 84/ yookiin sababni biroo /keewwata 86/ yommuu ilaalamu ajjeesaan keessumattuu garajabeessa, suukanneessaa, yookiin balaafamaa ta’uu isaa haala ibsuun; yookiin miseensa garee wanbadee nama ajjeesuuf yookiin yakka wanbadummaa raawwachuuf gurmaa’ee ta’uun; yookiin yakka biroo raawwachuuf akka isaaf mijaawuuf yookiin yakkiraawwatame akka hin beekamne taasisuuf jecha; itti yaadee nama kan ajjeese yoo ta’e; hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.

✅️Kana jechuun fakkeenyaaf namni tokko cuupheedhaan nama biraa iddoo baay’ee waraanuun kukkutee erga ajjeesee booda yakkichi akka dhokatuuf iddoo hin mul’ate bosona, bo’oo galaanaa, iddoon kosiin itti gatamutti reefta kana gate yakka ajjeechaa namaa cimaa ta’een adabama.

✅️Yakkamtichi adabbiin hidhaa cimaa umurii guutuu itti murtaa’ee, adabbicharaawwachaa osoo jiruu, haala seera yakkaa keewwata 539(1) jalatti(haala armaan olitti ibsameen) nama kan ajjeese yo ta’e du’aan ni adabama(Seera yakkaa keewwata 539)

✅️ Namni kamiyyuu haalli ajjeechaa akkaataa keewwata 539 jalatti ibsameen cimaa yookiin akkaataa keewwata 541 jalatti ibsameen salphaa haala hin taaneen itti yaadee nama biroo kan ajjeese yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamaa gahuun ni adabama.

✅️Namni kamiyyuu:daangaa haala dirqisiisaa darbuun /keewwata 75/ yookiin daangaa ofirraa ittisuu seera qabeessa ta’e darbuun /keewwata 78/; yookiin sababa olaanaa garmalee nama aarsuun yookiin sababa tasaa sammuu jeequ inni hin eegneen yookiin miira olaanaan yookiin miira ho’aa onnee tuquun qabamuurraa kan ka’een ta’ee; haalawwan tilmaama sammuutiin kana raawwachuuf nama geessisaniifi gartokkeen dhiifama kennisiisaniin; itti yaadee nama biroo kan ajjeese yoo ta’e;hidhaa salphaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

👉Fakkeenyaaf Difaabbaachoon Caalaadhaan Gaallaa jedhee yoo arrabse caalaan butamuun Miira yeroof sammuu isaa jeequ keessa galuun Shugguxiin Difaabaachoo mataa irra rukutuun yoo ajjeese ajjeechaa namaa salphaa ta’een himatamee adabama jechuudha (Seera yakkaa keewwata 541)

✅️ Namni kamiyyuu namni biroo akka of ajjeesu kan kakaase yookiin kan gargaare yoo ta’e yaaliin of ajjeesuu yommuu taasifametti hidhaa salphaan; gochi of ajjeesuu yommuu raawwatametti hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

✅️Akka of ajjeesu namni kakaafame yookiin gargaarsi taasifameefijoollee gaa`elaafhin geenye yookiin sababa dhukkuba sammuun yookiin dullumaan dandeettii dhabee kan ture yoo ta’e; adabbiin kakaasaa yookiin gargaaraa irratti murtaa’u namni kakaafame yookiin gargaarame of ajjeesuuf kan yaale yoo ta’e hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen; kan of ajjeese yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni ta’a.

Keewwata 543. Dagannoon Nama Ajjeesuu
✅️ Namni kamiyyuu seera yakkaa keewwata 54 keewwata xiqqaa (2) fi (3) jalatti haalawwan tumamaniin ala dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e;hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa sadii gahuu danda’uun yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma lamaa hanga kuma afurii gahuu danda’uun ni adabama.

Published by Adem Yusuf Bakke

Ethiopian legal insight

One thought on “Yakka ajjeechaa fi Adabbii

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started