Add Post

Forensics ivedence
Seera Ragaa; Qajeeltoowwan madaallii Ragaa ilaalchisee =================================
Bu’aan qorannoo samudaa ashaaraa ykn foorensikii kophaa isaa otuu hintaane ragaalee biroo waliin madaalamee ilaalamuu akka qabu Dh Ijbt MMWF glme Lkk 248162 ta’erratti gaafa 07/02/2017 hiikkoo haaraa kennee jira.
=================
Falmii ragaalee barreeffamaa bu’ura gochuun dhiyaataniin walqabatee yeroo hedduu mallattoon kiyyaa miti ykn ani hinmallatteessine jechuun falmiin yeroo ka’u numudata. Keessaayyuu falmiiwwan waliigaltee fi cheekii fa’aan walqabatan irratti sanadicha haaluu fi mallattoon kiyyaa miti jechuun foorensikiin akka qoratamu gaafachuun hedduu baratamaadha.
Bu’aa qorannoo foorensikii dhiyaatu haalduree tokko malee akka ragaa dhumaatti (conclusive) fudhachuun ragaalee biroo kufaa gochuun murtii kennuunis bal’inaan mul’ata.
Haata’u malee glme olitti caqafame irratti Dh Ijbta MMWF hiikkoo kenneen mallattoon waakkatame kan abbaa waakkatee ta’uu dhabuun bu’aa qorannoo foorensikiin mirkanaa’uun qofaa isaatti hariiroon falmii kaase hinjiru ykn wanti abbaa mallattoo waakkate sana waliin akka jiru ibsame hinjiru jechuun sirrii akka hintaane ykn bu’aa qorannoo foorensikii qofaa isaa yeroo hunda akka ragaa mudaa hinqabneetti fudhatamuu akka hinqabne bal’inaan ibsee jira.
Haaluma kanaan qabxii falmii kaase ilaalchisee hariiroo gareewwan giddutti ture ulaagaalee seeraa hundeessuuf rogummaa qaban hubachiisuu ragaalee danda’a waliin ilaalamuu akka qabus Dh Ijbta murtii kenneen murteessee jira.