lafaan walqabatee

๐ƒ๐ก๐š๐๐๐š๐œ๐ก๐ข ๐ˆ๐ฃ๐ข๐›๐›๐š๐š๐ญ๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐š ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐–๐š๐ฅ๐ข๐ข๐—ด๐—ฎ๐ฅ๐—ฎ๐—ฎ ๐…๐ž๐๐ž๐ซ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐‹๐š๐ค๐ค๐จ๐จ๐Ÿ๐ฌ๐š ๐†๐š๐ฅ๐ฆ๐ž๐ž armaan dura bu’uura seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1178 fi 1179 tiin namni fedhiidhaan yookiin osoo hin mormiin Gamoo/Mana Lafa nama biroo irratti ijaare abbaa qabeenyaa ta’a jedhee murtiilee yeroo adda addaa kennaa ture amma immoo lakkoofsa galmee 242314 ta’een hafaa taasisee Abbootii Seeraa torbaan hiikoo haaraa kennee jira.Kanaan dura hiikoon Seeraa lak Galme 30101,178714,241173,240322,fi hiikoowwan kanaan wal qabatan hiikoo haarawa Lakkoofsa Galmee 242314 ta’een hafaa ta’aniiru.

Kan biraa ๐ƒ๐ก๐š๐๐๐š๐œ๐ก๐ข ๐ˆ๐ฃ๐ข๐›๐›๐š๐š๐ญ๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐š ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐–๐š๐ฅ๐ข๐ข๐—ด๐—ฎ๐ฅ๐—ฎ๐—ฎ ๐…๐ž๐๐ž๐ซ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐‹๐š๐ค๐ค๐จ๐จ๐Ÿ๐ฌ๐š ๐†๐š๐ฅ๐ฆ๐ž๐ž 222277 ta’e irratti seera hariiroo hawaasaa keewwata 1179 tiin hayyama abbaa qabiyyeetiin kan Mana ijaarrate kan abbaa Manichaa kan ta’u Mana haaraa qabiyyee nama biroorratti yoo ijaareedha malee Mana moofaa qabiyyicha irra duraan ture diigee kan haaraa iddoo sanatti ijaare kan ilaallatuu yookoon dabalatu miti jechuun hiikoo kennee ture. Ammas kan biroo ๐ƒ๐ก๐š๐๐๐š๐œ๐ก๐ข ๐ˆ๐ฃ๐ข๐›๐›๐š๐š๐ญ๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐š ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐–๐š๐ฅ๐ข๐ข๐—ด๐—ฎ๐ฅ๐—ฎ๐—ฎ ๐…๐ž๐๐ž๐ซ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐‹๐š๐ค๐ค๐จ๐จ๐Ÿ๐ฌ๐š ๐†๐š๐ฅ๐ฆ๐ž๐ž 249348 ta’e irratti qabiyyee Lafaa nama biroo irratti Mana osoo hin taane Dallaa irratti ijaaranii qabachuun abbaan qabiyyee osoo hin mormin ijaare jedhanii bu’uura seera hariiroo hawaasaa keewwata 1179 tiin falmuun kan hin danda’amne ta’uu hiikoo kennee ture.

๐ƒ๐ก๐š๐๐๐š๐œ๐ก๐ข ๐ˆ๐ฃ๐ข๐›๐›๐š๐š๐ญ๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐š ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐–๐š๐ฅ๐ข๐ข๐—ด๐—ฎ๐ฅ๐—ฎ๐—ฎ ๐…๐ž๐๐ž๐ซ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐‹๐š๐ค๐ค๐จ๐จ๐Ÿ๐ฌ๐š ๐†๐š๐ฅ๐ฆ๐ž๐ž 257723 ta’e irratti “waliigalteen kennaa lafaa bifa jedhuun bittaa fi gurgurtaan raawwatame,kennaa seeraan alaa waan ta’eef,seera duratti fudhatama hin qabu.Lafa Magaalaa duwwaa isaa kennaanis taโ€™ee gurgurtaadhaan dabarsuun akka hin dandaโ€™amne Heera Mootummaa keewwata 40(3) irraa kan hubatamu yoo taโ€™u,waliigalteen kennaa dhimma heeraan yookaan seeraan dhoorkame irratti raawwatamus jalqabumaayyuu kaasee buโ€™aa seeraa kan hordofsiisu miti” jechuun hiikoo kenneera Falmii waliigaltee seeraan alaa akkanaa gareen biraa kaasuu baatus,Manni Murtii sadarkaa kamittuu argamu kaka’umsa mataa isaatiin kaasee himannaa kufaa gochuu danda’a.

Published by Adem Yusuf Bakke

Ethiopian legal insight

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started