Kanfaltii Sooramaa Hojjattoota Mootummaa fi Seera


✅Hojjataan mootummaa kanfaltii sooramaa argachuuf mirga qaba.Barri tajaajila hojjataa mootummaa lakkaa’amuu kan eegalu guyyaa qaxarame yookiin ramadame irraa kaaseeti.
✔Kanfaltiin sooramaa kan kaffalamu ji’a ji’aan akka ta’e Labsii Soramaa fooyya’ee bahe Lakk.1267/2022 keewwata 47(1) jalatti tumeera.
1️⃣.Hojjataan mootummaa tokko sababa miidhaa hojiirraa gaheen miidhame kanfaltii 10% gadi hin taane yookiin miidhaa fayyuu hin dandeenye yoo ta’e durgoo sooramaa umrii guutuu argachuu akka danda’u Labsii Sooramaa Lakk.1267/2014(2022) keewwata 36 jalatti tumeera.Kun akkuma jirutti ta’ee,hammi durgoon sooramaa mindaa isaa 47% ta’uu akka danda’u keewwata 37 jalatti tumeera.
2️⃣.Durgoon sooramaa haadha warraa du’aa yookiin abbaa warraatiif kaffalamu du’aan argatu yookiin argachuu danda’u ture 50% ni ta’a Labsicha keewwata 41(1).
3️⃣.Durgoo sooramaa ilma du’aatiif kaffalamu du’aan argatu yookaan argachuu danda’u ture 20% ni argata.
4️⃣.Haati warraa fi Abbaan warraa lachuu yoo du’an mucaan isaanii durgoo sooramaa 30% ni argata.
5️⃣.Mirgi durgoo argachuu idaan hin qabamu,dhaalaan hin darbus,keewwata 50.
6️⃣.Durgoo sooramaa ilaalchisee dhimma adabbii mootummaaf galii ta’u,gibira yookiin qaraxa kanfaluu,fi dirqama qallaba kennuu waliin wal qabatee Manni Murtii yoo ajaje malee hin qabamu(hin dhorkamu).
👉#Darbiinsa_Yeroo:
Gaaffiin kanfaltii durgoo sooramaa kamiyyuu guyyaa mirga isaa fayyadamuu eegale irraa kaasee waggaa 5 keessatti yoo hin gaafanne ta’e,darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf waggaa 5 booda gaafachuun akka hin danda’amne Labsicha keewwata 49 jalatti tumeera.
👉#Labsii Lakk.714/2011,Labsii Lakk.146/1998 keewwanni 12 fi 30(1) fi keewwattoota durgoo sooramaa ilaallatu,Labsii Lakk.653/2009 keewwata 12 fi 21 Labsii sooramaa haaraa 1267/2014 keewwata 63 tiin haqamaniiru.

Published by Adem Yusuf Bakke

Ethiopian legal insight

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started