✅#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 24ffaa Lakkoofsa Galmee 182050 ta’een
‘’sababa yakki himatamaan raawwateen hamma miidhaa qaqqabe ilaalchisee Abbaan Alangaa keewwata seera himannicha hundeen hanga miidhaa yakkichaan dhaqqabe ibsuu dhabuun; himatamaan mirga wabiitiin yoo gadi lakkifame dirqama wabii kabajee dhihaachuu hin danda’u tilmaama jedhuun fudhachuun mirga wabii kan dhorkisiisuu miti,shakkamaan yakka biraatiin kan barbaadamu yoo ta’e malee mirga wabiin bahee dhimma isaa hordofatuu qaba’’ jechuun sdfy keewwata 67,Labsii Lakk.882/07 fi 434/1997 waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee ture.
Jildima 24ffaa kana Lakkoofsa Galmee 182266 ta’e irratti seerri deemsa falmii yakkaa keewwattoonni 63 fi 67 himatamtoota irratti akkaataa kamiin
raawwatiinsa akka qabu tokko tokkoon ibsuun sagalee caalmaan hiikoo kennee ture.
✅#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii_9ffaa_Lakk_Galmee 35695 ta’een
‘’nama seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 543(3) jalatti himatameef mirgi wabii hin eegamu’’ jechuun hiikoo kennee ture.
✅#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 12ffaa Lakkoofsa Galmee 59304 ta’e irratti ‘’mirga wabii waliin wal qabatee Manneen Murtii mirga wabii himatamaa dhorkuuf baay’ina himannaa ittiin himatamee fi ulfaatina isaa bu’uura godhachuu akka danda’an’’ jechuun hiikoo kennee ture.
✅#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 7ffaa Lakkoofsa Galmee 31734 ta’een
‘’iyyataan paaspoortii fi seensa viizaa biyyoota baay’ee qabatee argameef tilmaama fudhachuun sababa
gahaa dha jedhamus iyyataan Biyyaa akka hin baane taasifamee dirqama wabii eegee akka dhihaatu taasifamee ajajni kennamuu osoo qabu mirga wabii dhorkuun dogongora’’ jechuun murteessee ture;
✅#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii_13ffaa Lakkoofsa Galmee 67874 ta’e irratti ‘’Manneen Murtii dhimma yakkaa irratti gaaffii mirga wabii fudhachuu dhabuuf aangoo akka qaban gaaffii mirga wabii fudhachuu dhiisuuf sababni gahaan fi
bu’uura seeraa qabu jiraachuu qaba’’ jechuun murteessee ture;fi
✅#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 20ffaa Lakkoofsa Galmee 134228 ta’een ‘’sababoota mirga wabii dhorkisiisan Manneen Murtii haala gara garaatiin ilaaluun madaaluu akka qaban; himatamaan tokko mirgi wabii yoo eegameef dirqama wabii kan kabaju hin fakkaatu jedhamee tilmaamame sababoonni gahaa fi bu’uura seeraa qabu jiraachuu akka qabu,akkasumas sababoonni gahaa fi seerawaadha jechisiisu haalota naannoo gara garaa fi haala addaa dhimmichaatiin ilaalamuu qaba’’ jechuun sdfy keewwata 67(a) waliin wal qabsiisuun murteesse
ilaaluun ni danda’ama.
Shakkamaan too’annaa jalaa akka bahuuf mirgi wabii kan eegame/eeyyamame yoo ta’e,qaamni komii qabu Mana Murtii idilee sadarkaa itti aanutti ol’iyyannoo gaafachuu danda’a.
✅#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 18ffaa Lakkoofsa Galmee 110969 ta’e irratti ‘’ajaja mirga wabii eeguun kenname irratti himataan/Abbaan Alangaa/ ol’iyyannoo gaafachuuf mirga qaba’’ jechuun hiikoo
kenne;
✅#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii_19ffaa Lakkoofsa Galmee 112725 ta’e irratti ‘’murtii mirga wabii shakkamaa eeguun kenname irratti Abbaan Alangaa ol’iyyannoo gaafachuu danda’a’’ jedhee hiikoo kenne,sdfy bara 1961 bahe keewwata 75.