Balleessaa lafoo deemtotaan nageenya tiraafikaa irratti raawwatamanii fi adabbii hordofsiisu!
።።።።።።።።።።።።።
Bu’uura qajeelfama to’annoo nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf bahe lakk.117/2012 tiin balleessaawwan nageenya tiraafikaa irratti qaamolee garagaraan raawwatamanii fi adabbiiwwan hordofsiisan tumamanii jiru. Balleessaawwan kunis;
◆ kan konkolaachisaan raawwataman
◆ kan abbootii qabeenya konkolaataan raawwataman
◆ kan gargaaraa konkolaachisaan raawwataman
◆ kan lafo deemtotaan raawwataman jechuudhaan tumamanii jiru.
Balleessaawwan nageenya tiraafikaa yeroo hedduu raawwatamunii fi adabamuun beekaman lamaan gara duraa irratti argaman yoo ta’an kanneen hafan lameen balleessaa qabaachuu fi adabamuun isaaniitu waan beekamu hin fakkaatu.
Qajeelfamicha kwt 16 jalatti gochoota balleessaa lafo deemtotaa tahanii fudhatamanii fi adabbiiwwan maallaqaa hordofsiisan waliin tumamaniiru.
❶ gosoota balleessaa lafoo deemtotaa:
Keewwata 16 jalatti gosaawwan balleessaa 8 tarreeffama (A-H) kan jiraniidha. Isaanis,
▶of-eeggannoo gahaa malee daandii qaxxamuruu,
▶ daandii konkolaataa irra sababa gahaa malee dhaabbachuu ykn deemuu,
◆ iddoo daandiin lafoo deemtotaa hin jirreetti gara mirgaa qabatanii deemuu dhabuu,
◆ daandii lafoo deemtotaan jedhameen ala kan deeme,
◆ daandii lafoo deemtotaa irratti daldala kan gaggeesse ykn meeshaalee kaa’u ykn karaa kamiinuu daandii lafoo danquu,
◀sibiila ykn dallaa daandii gubbaan utaalanii qaxxamuruu
▲sagalee dhageessiftuu gurratti godhachuun dhaggeeffachaa daandii qaxxaamuruu, fi
◀ daandii lafoon qaxxamuruun dhoorkaa tahee qaxxamuruudha.
❷ adabbiiwwan balleessawwan kunneen hordofsiisan
Gabatee gosoota balleessaa nageenya tiraafikaa lafoo deemtotaa keessatti gosti adabbii kenname adabbii maallaqaa yoo ta’u kunis qarshii 40-80 ti. Gosoota balleessaa tarreeffamaniif adabbiin qarshii 40 balleessaa shanan duraaf yoo kennamu adabbiin qarshii 80 immoo balleessaawwan sadan hafaniif kan kennamaniidha.