#Lafa_baadiyyaa_Oromiyaa_fi_Adabbii_yakkaa
✍️Dambii_Bulchiinsaa fi Itti fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa Lakk. Galmee 151/2005 keewwata 33 jalaatti lafa baadiyyaan walqabatee gochoota yakkaa raawwataman irratti adabbii tarreesse jira innis:-
✍1.Lafa baadiyaa osoo hin kennamniif seeraan ala qabachuun yookiin qabachuu yaaluun yookiin mana ijaaruun yookiin dallaa ijaaruun yookiin qotuun yookiin qotuu yaaluun dhorkaadha,
✍️namni kamiyyuu osoo beekuu yookiin beekuu osoo qabuu:lafa badiyaa seeraan ala qabatee yookiin qabachuu yaale yookiin mana ijaare yookiin dallaa ijaaree yookiin qotee yookiin qotuu yaalee argame seera biraatiin kana caalaa kana dhabsiisu yoo ta’e malee adabbii hidhaa waggaa tokkoo hanga waggaa shaniifi qarshii kuma lamaa hanga kuma jahaatiin adabama.
✍2-Hojjataan mootummaa yookiin namni ragaa lafa badiyaa akka qopheessu akka
kennu akka jijjiiru angoon seeraan kennameef ragaa lafa baadiyaa dogongoraa kennuun ykn qopheesuun yookiin jijjiiruun dhoorkaadha;
✍️namni kamiyyuu osoo beekuu yookiin beekuu osoo qabuu:ragaa qabiyyee lafa baadiyaa sobaa yookiin dogongooraa kenne yookiin jijjiiree yookiin qopheesee argame seera biraatiin kana caalaa kan adabsiisu yoo ta’e malee adabbii hidhaa cimaa waggaa tokkoo hanga waggaa shanii fi qarshii kuma sadii hanga kuma jahaatiin adabama
✍3-Abbaan qabiyyee lafa baadiya mirga itti fayyadama lafa baadiyaa seeraan ala kennuun yookiin kennuu yaaluun,ragaa dogongoraatiin
fayyadamuun lafa baadiyaa qabachuun yookiin qabachuu yaaluun,ragaa dogongoraa qopheessuun yookiin qopheessisuun yaaluuun,waraqaa ragaa qabiyyee lafaa seeraan ala fudhachuun yookiin fudhachuu yaaluun dhoorkaadha;
✍️namni kamiyyuu osoo beekuu yookiin beekuu osoo qabuu:mirga itti fayyadama qabiyyee lafa baadiyaa seeraan ala kenne yookiin kennuu yaale,ragaa dogongoraatiin fayyadamuun lafa baadiyaa qabate yookiin qabachuu yaale,ragaa dogongoraa qopheesse ykn qopheessise waraqaa ragaa qabiyyee lafaa seeraan ala fudhate yookiin fudhachuu yaalee argame seera biraatiin kana caalaa kan adabsiisu yoo ta’e malee adabbii hidhaa waggaa tokkoo hanga waggaa sadii fi qarshii kuma tokkoo hanga kuma sadiitiin adabama.
✍4.Nami lafa baadiyaa itti fayyadamu irraan gadee qotuun,daagaa hojjatame diiguun,daagaa bakka barbaaddamett ijaaruu dhiisuun,karaa lolaa irrangadee baasuun lafa biqiltuu yookiin lafa eegumsa biyyeefi
bishaantiif ittifame beeyladaa itti gadi dhiisuun dhoorkaadha;
✍️namni kamiyyuu osoo beekuu yookiin beekuu osoo qabuu:lafa baadiyaa itti fayyadamuu irraan gadee qotee yookiin daagaa hojjatame diigee yookiin daaga bakka barbaaddametti ijaaruu dhisee yookiin karaa lolaa irra gadee baasee yookiin lafa biqiltuu yookiin lafa eegumsa biyyeefi bishaanitiif ittifame beeyladaa itti gadi dhiisee yoo argame seera biraatiin kana caalaa kan adabsiisu yoo ta’e malee adabbii hidhaa salphaa hanga
ji’a sadiifi hanga qarshii kuma tokkootiin adabama.
✍ 5. Bulchiinsi Gandaa dhimma mirga qabiyyee lafa baadiyaatiin walqabatuu irratti iyyata dhiyaatu fuudhee yeroo seeraan murta’ee keessatti deebii qaama barbaachisuu kennuu diduun dhoorkaadha
✍️bulchiinsi gandaa osoo beekuu yookiin beekuu osoo qabuu:dhimma mirga qabiyyee lafa baadiyaatiin walqabatuu irratti iyyata dhiyaate yoo fuudhuu dide yookiin iyyata fuudhee jaarsolee araaraa filachiisuun raawwachuu yoo dide yookiin bu’aa araaraa raawwachisuu yoodhiise yookiin yeroo seeraan murtaa’e keessatti qaama barbaachisuuf deebii yoo kennuu dhabee argame seera biraatiin kana caalaa kan adabsiisu
yoo ta’e malee,hidhaa salphaa ji’a tokkoo hanga ji’a sadiifi qarshii dhibba shanii hanga kuma tokkootiin adabama.
Barruu gabaabduu Lafa baadiyyaa Oromiyaa fi MDHIMMWF fi qabatama ( Binimos Shemmallis) irraa