Yaadannoo Gabaabaa Foormii Waliigaltee Qabeenyaa hin sochoonee (Brief notes ofspecial forms of contract of immovable property)Akka waliigalaatti;

Waliigalteen seera duratti ragga‟u jiraachuuf ulaagaaleen sadi, isaanis;
waltaatonni dandeettii Sammuu fi dandeettii qaamaa kan qaban ta‟uu, waliigaltichi ifaa fi
seera qabeessa, faallaa hamilee kan hin taanee fi bifa barreeffamaan ta‟uun barbaachisaa yoo
ta‟e ulaagicha kan guuttatate ta‟uu qaba(SHH kwt.1678)ilaallata.
Waliigalteen tokko bifa barruutiin akka taasifamu seerri kan dirqisiisu yoo ta‟e, ulaagaan
barruu seerri ajaje hordofamuu akka qabu tumaan SHH kwt.1678(c) fi 1719(2) ni ajaja.
Bu‟uuruma kanaan mirga abbaa qabeenyummaa qabeenyaa hin sochoone gurgurtaa,
dhaamoo, wabummaa fi kkf qaama 3ffaatti yemmuu darbu bifa barreeffamaatiin fi qaama
ilaallatu biratti galmeessuun ta‟uu akka qabu tumaan SHH kwt.1723 irr ni hubatama.
Jechuunis, waliigalteen foormii barreeffamaatiin taasifame kun mallattoo wal-taatotaa fi
ragaa nama lamaatiin mirkanaa‟uu yoo baate akka wixineetti kan fudhatamuu fi gatii kan hin
qabne ta‟uusaa SHH kwt.1720(1) fi 1727(2) irraa ni hubatama. Bittaa fi gurgurtaan
qabeenyaa hin sochoonerratti taasifamus barreeffamaan ta‟uu yoo baate bu‟aa kan hin qabne
ta‟uu SHH kwt.2877 ni cimsa.
As irratti bittaa fi gurgurtaa qabeenyaa hin sochoonee galmeessuun qaama 3ffaa irratti bu‟aa
akka qabaatuuf malee gurguraa fi bitaataa gidduutti taanaan garuu barreeffamaan ta‟uun qofti
gahaa dha ijjannoo jedhu SDFHH kwt.2877 fi 2878 wabii godhachuun kan dubbatan ni jiru.
Haata‟u malee, SDFHH kwt.1723 waa‟ee waliigaltee qaama aangoo qabu biratti galmeessuu
kan dubbatu yoo ta‟u,kaayyoon isaas waliigaltichi fedhaa fi jaala irratti hundaa‟ee qaama
dandeettii qabuun kan raawwatame ta‟uu isaa mirkaneessuudhaaf yoo ta‟u, SDFHH kwt.2878
garuu waliigaltee galmee qabeenya hin sochoone keessatti galmeessuu kan dubbatu yoo
ta‟u, kaayyoon isaas, qaamni 3ffaan odeeffannoo gahaa argatee akka murteeffatu eegumsa
mirga qaama 3ffaatiif gochuu akka ta‟e nu hubachiisa.Kanaaf, tumaaleen kun kan walgargaaranii wal-faana raawwatamuu danda‟an malee kan wal-dhiitan jechuun yaada sirrii
akka hin taane hubatamuu qaba.
Walumaagalatti tumaalee kana irraa kan nuti hubannu, mirgoonni abbaa qabeenyummaa
ulaagaa barreeffamaatiin dabarfaman mirgoota miidhaa ykn faayidaa gurguddoo qaban waan
ta‟aniif, seerri eegumsi fi xiyyeeffannaan addaa akka itti kennamu waan barbaadeef,
waliigaltee barreeffamaan qophaa‟ee wal-taatotaa fi ragoota dandeettii qabaniin mallattaa‟ee
qaama aangoo qabu biratti mirkanaa‟uu akka qabu nu hubachiisa.

Kan itti fufe…..

Ulaagaan barreeffamaa seerri ajaju eegamuu yoo baate bu’aa maalii hordofsiisaa?
Waliigalteen tokko ulaagaa barreeffamaa kan hin guunne yoo ta‟e bu‟aa akkamii hordofsiisa?
Qabxii jedhu irrattis hubannoon wal-fakkaataa hin jiru.

  1. Void contract vs. Invalid Contract
    Ogeessonni tokko tokko waliigalteen ulaagaa barreeffamaa hin gunnee akka wixineetti waan
    lakkaa‟amuuf, jalqabummaayyu akka hin jirretti kan lakkaa‟amu waan ta‟eef, (SHH
    kwt.1723+1720) manni murtii simatee raawwachiisuus ta‟e diiguu hin danda‟u yaadni jedhu
    ni jira. Ogeessoonni ijjannoo kana tarkaanfachiisan tumaa seeraa armaan oliitiin dabalatatti
    murtii DhIMMWF Jildii 19ffaa lakk,galmee 99124 wabii godhatu. Akka murtichaatti,
    waliigalteen tokko bu‟uura SHH kwt.1723tiin qaama aangoo qabu biratti galmaa‟uu akka
    qabu waliigalamee qabdiin erga fudhatamee booda hanqina garee tokkootiin qaama aangoo
    qabu biratti otoo hin galmaa‟iin yoo hafe wixinee waliigaltee ta‟a malee waliigaltee hin
    jedhamu waan ta‟eef tumaaleen SHH kwt.1808, kwt.1810 fi 1885(1) rogummaa kan hin
    qabnee fi yeroo kamiyyuu hariiroo jalqabame dhiisuun qabdiin kaffalame akka deebi‟u
    gaafachuun mirga akka ta‟e ni ibsa. Dhimma biraa keessattis, waliigalteen faallaa seeraa ta‟e
    tokko yeroo kamiyyuu taanaan bu‟aa seera qabeessa fi raawwatiinsa kan hin qabne, darbiinsa
    yeroo illee addaa kutuu kan hin dandeenye „voidable contract‟ waan ta‟eef, akka waliigaltee
    bu‟aa hordofsiisuu danda‟utti( validable contract) ilaalamuu hin qabu jechuun murtii
    dhaaddacha ijibbaataa jildii 14 lakk.gal.79394 wabii godhatu.
    Faallaa kanaa immoo, “waliigalteen ulaagaa barreeffamaa hin guuttanne sadarkaa bu’aatti,
    bu’aan isaa ulaagaa ‘waliigaltee dandeettii malee raawwatame vicious consent’ jedhuun
    adda miti. Hanga mormiin hin jirretti bu’aa ni qabaata ‘validable’ ta’a malee
    jalqabummaayyu akka hin jirretti voidable ’tti lakkaa’ama afuura jedhu hin qabu” kan
    jedhan ni jiru. Gareen kun ijjannoo isaanii murtii DhiMMWF jildii 10ffaa lakk.gal. 43825
    tiin deeggaru.Akka murtichi jedhutti, “waliigalteen tokko jiraachuu isaa bitaa fi mirgi kan
    wal-hin haallee fi ulaagaa barreeffamaa ilaalchisees mormiin kan hin jirre yoo ta’e manni
    murtii kaka’umsa mataa isaatiin ulaagaa barreeffamaa kaasee kufaa gochuu hin qabu”
    jedha. Sababa ulaagaa barreeffamaa hin guunne jedhuun waliigalgteen tokko diigamuu kan
    danda‟u wal-taatotaan ykn qaamni na galcha jedhu bu‟uura (shh kwt.1808(2)tiin mormii yoo
    dhiyeessee dha qofa jedha waan ta‟eef jechuu dha

Published by Adem Yusuf Bakke

Ethiopian legal insight

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started