Qallaba Daa’immanii

#Qallaba_Daaimmanii
✍️Qallaba yookiin deeggarsa daa’immaniijechuun yommuu
maatiin sababa diiggaa gaa’elaan yookaan sababa biroon adda bahan kanfaltii gareen daa’imni waliin hin jiraanne garee daa’imni biratti guddatuuf kanfalu jechuudha.

✍️Kun daa’imman gaa’elaan ala dhalatanis ni dabalata.Kanas ICCPR keewwata 24 HMFDRI keewwata 25 fi 36 irraa hubachuun ni danda’ama.

✍️Maanuwaalii Murteessa Qallaba Daa’immanii Manneen Murtii Oromiyaa Lakkoofsa 1/2010 keewwata 2(3) jalatti “qallaba” jechuun kanfaltii kunuunsaa,eegumsa,fi dantaa daa’imaaf oolu qallaba kennaan qallaba fudhataaf kanfalu
jechuu ta’ee;

✍️qallaba kennaan qotee bulaa yookiin horsiisee bulaa yoo ta’es qallaba kan kanfalu qarshiitti jijjiiree ta’a jechuun tumeera.

#Baasii_qallaba_daaimaa:-
✔️1ffaa,nyaata,uffata,bakka jireenyaa(baasii bu’uuraa);
✔️2ffaa,baasii yaalumsaa;
✔️3ffaa,kanfaltii barnootaa fi meeshaalee barnootaa;
✔️4ffaa,baasii eegumsa daa’immaniif barbaachisu;
✔️5ffaa,baasii geejjibaa;
✔️6ffaa,baasii bashannanaa daa’imaa fi kan kana fakkaataniidha

✍️Qallabni daa’imaa lubbuun jiraachuu daa’imaa waliin kan wal qabatuudha;

✍️Sababni isaas ilmi namaa nyaata uffata bakka jireenyaa malee lubbuun jiraachuu waan hin dandeenyeef.

✍️Daa’imman kamiyyuu warra isaa irraa qallaba argachuuf mirga qabu,heera mootummaa keewwata 36(1)(C),

✍️Seera Maatii Oromiyaa Labsii Lakkoofsa 69/1995 fi 83/1996 keewwata 214 fi 215,UNHR keewwata 25(2),CRC keewwata 3(1)(2) fi keewwata 4

✍️Bu’aa gaa’ilaa keessaa tokko daa’imman argachuu yoo ta’u,diiggaa gaa’ilaan booda hunda dursa eegumsi taasifamuufii qaba.

✍️Manni_Murtii qallaba Daa’immanii yommuu murteessu gama tokkoon galii,umrii,fayyaa fi haala jireenya warra isaanii;

✍️gama biraatiin umurii,haala faayidaa fi fedhiin Daa’immanii itti eegamuu danda’u jiddu galeessa godhachuu akka qabu Seera Maatii Oromiyaa fi Maanuwaalii Murteessa Qallaba Daa’immanii keessatti ifaan ifatti tumeera.

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 21ffaa Lakkoofsa Galmee 130931 ta’e irratti “yeroo qallabni murtaa’u maddi galii qallaba kennaa ilaalamuu
akka qabu” murteessee ture.

✍️Qallabni muramu haala umrii fayyaa barnoota baay’ina Daa’immanii fi fedhii
yookiin baasii adda addaa daa’immaniif barbaachisu qaala’iinsa jireenyaa yaada
keessa hin galchine taanaan madaalawaa fi haqa qabeessaa miti.

✍️As irratti dantaan Daa’immanii xiyyeeffannoo ol’aanaa barbaada.Sababni isaa qallaba kennaan galii isaa dhoksuun akka waan galii hin qabnetti,qabeenya osoo qabu akka waan qabeenya hin qabnetti falmeef qofa qallaba xiqqaa akka kanfalu murtaa’uu hin qabu.

✍️Dirqama qallaba kanfaluu heeraa fi seera keessatti tumame xiyyeeffannoon hojiirra ooluu qaba.

#Hanga_Qallaba_Isa_Xiqqaa:
✍️1.Qallabni daa’imaa kan murtaa’u bu’uura Maanuwaalii Lakk.1/2010 keewwata 16 jalatti ibsameen ta’uun isaa akkuma eegametti ta’ee-

✍️#A.Qallabni ji’aan daa’ima tokkoof murtaa’u qarshii 500(dhibba shan) gadi ta’uu hin qabu,Maanuwaalicha keewwata 8(1).

✍️#B.Kan keewwata xiqqaa 1 jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee,qallaba kennaan daa’imman hedduuf dirqama qallaba kennuu kan qabu yoo ta’e;

✍️qallabni daa’imman lamaa oliif murtaa’u xiqqaan daa’ima tokko gahu qarshii 250 gadi ta’uu hin qabu,keewwata 8(2).

✍️As irratti qallaba kennaan daa’imman
baay’eef qallaba kan kanfaluuf dirqama qaba yoo ta’e qallaba kennaan nama fayyaa qabu,nama galii qabu taanaan daa’ima tokkoof qarshii 600 ykn
1000 fi kkf murtaa’uu ni danda’a.

✍️Daa’imman hedduuf akkaataa baay’ina isaaniitiin maallaqichi ida’ama Keewwatichi aangoo akka feetee(discretion) Abbaa Seerichaatiif kenneedha.

✍️Keewwaticha dirqama daa’ima tokkoof qarshii 250 hin jedhu

✍️Kanfaltii qallaba daa’imaa ilaalchisee komii qallaba kennaan dhiheessu irratti marartoon hin hojjatu kan hojjatu heeraa fi seera qofa

#Shallaggii_hanga_qallabaa:
✍️Bu’uura Maanuwaalii Murteessa Qallaba Daa’immanii Lakk.1/2010 keewwata 13 fi 14 tiin haalotni addaa sababa amansiisaa irratti hundaa’anii dhihaatan yoo jiraatan
malee,Manni Murtii hanga qallaba daa’imaa bu’uura gabatee Maanuwaalichaatiin shallagee murteessuu qaba.

#Gabatee Reenjii Hanga Qallaba Daa’immanii Muramu Agarsiisu:

✍️Fakkeenyaaf,galii qulqulluu ji’aan qarshii 500-2000 daa’ima tokkoof 24% daa’imman lamaaf 36% daa’imman sadiif 42% daa’imman afuriif 45% daa’imman shaniif 48% heggegamee qallabni murtaa’a

✍️Maanuwaalii Murteessa Qallaba Daa’immanii Manneen MO Lakk.1/2010 akkaataa galii qulqulluu ji’aan argamu
gabatee Maanuwaalichaan wal qabatee jiruun shallagamee qallabni muramuu qaba.

#Qallaba_Daa ‘imaa Kanfaluu Diduu,Lafa Irra Harkisuu yookiin Gufachiisuu:-
✍️Manni Murtii qallaba daa’imaa waliigalteedhaanis ta’e Mana Murtiin murtaa’e qallaba kennaan hin kanfale ykn lafarra
harkise ykn gufachiise irratti akka haala isaatti tarkaanfii fudhachuu danda’u:

✍️1ffaa qallaba murtaa’e irratti dhibbeentaa kudhan(10%) shallaguun akka kanfalu ajajuu ni danda’a,Maanuwaalicha keewwata 33(1).

✍️2ffaa,qallaba kennaan bu’uura keewwata xiqqaa tokkoon ajaja kenname raawwachuu dhabe akkuma haala isaatti galii ykn qabeenya
Maanuwaalii keewwata 22 jalatti tarreeffaman irraa hanga qallabaa murtaa’e 10% isaa waliin akka irraa citu ajaja kennuu ni danda’a.

✍️Ajajni kunneen qallaba kennaa itti gaafatamummaa yakkaa jalaa isa hin baasu,Maanuwaalicha keewwata 33(2)(3).

#Itti_Gaafatamummaa_Yakkaa :
✍️Namni kamiyyuu bu’uura seeraan,ykn dirqama waliigaltee seeneen daa’imman gaa’ela keessatti dhalatanis ta’e fuudhaa fi heerumaan alatti dhalataniif dirqama maallaqa guutuu qabu kan hin baane yoo ta’e,

✍️adabbii maallaqaatiin ykn hidhaa salphaa ji’a jaha(6) hin caalleen ni adabama,Seera yakkaa keewwata 658;

✍️Warri ykn namni biroo aangoo bulchummaa ykn guddistummaa qabu kamiyyuu faayidaa barbaaduun ykn dirqama isarra jiru dagachuun;ijoollee itti gaafatamummaa
isaa jala jiru haala hamaan eeggannoo fi kunuunsa gahaa malee kan dhiise mirga maatii irraa mulquun akkuma eegametti ta’ee

✍️hidhaa salphaan ykn adabbii maallaqaatiin ni adabama,Seera Yakkaa keewwata 659.

✍️Seerota Qallaba Daa’immanii Bulchan Sadarkaa Addunyaa,Ardii Afrikaattii fi Akka Biyya Keenyaatti:

👉1.Labsii waliigaltee mirga namoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii
(UNHR 1948) keewwata 25(2);

👉2.ICCPR;

👉3.Waliigaltee Mirgoota Daa’immanii(1989 bahee bara 1990 hojiirra oole),CRC keewwata 3(1)(2) fi keewwata 4;

👉4.Sanada Chartara Mirgootaa fi Nageenya Daa’immanii(bara 1990 bahee bara 1999 hojii irra oole),ACHRWCH keewwata 20(1);

👉5.Heera Mootummaa Federaalaa fi Heera Naannichaa keewwata 36;

👉6.Seera Yakkaa FDRI bara 1996 bahe;

👉7.Seera Maatii Oromiyaa Labsii Lakkoofsa 69/95 fi 83/96 fa’aadha.credit to M/teyib Nure
#dubbisaa
#Galatoomaa !!

Published by Adem Yusuf Bakke

Ethiopian legal insight

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started