Lafa_Magaalaa :
“Lafa Magaalaa” jechuun Lafa daangaa Bulchiinsa Magaalaa keessatti argamu jechuudha.
“Liizii” jechuun sirna qabiyyee Lafaa mirgi itti fayyadama lafa Magaalaa waliigaltee daangaa yeroon murtaa’eetiin itti argamuudha.
“Waraqaa ragaa mirkaneessa abbaa qabiyyummaa” jechuun nama karaa seera qabeessa ta’een mirga itti fayyadama Lafaa argateef yookiin qabiyyee seeraan beekamtiin kennameefiif waraqaa ragaa mirkaneessa galmeessa mirga qabiyyee Lafa magaalaaf kennamu jechuudha.
“Qabiyyee Durii Waraqaa Abbaa Qabiyyummaa Hin Qabne” jechuun qabiyyee akkaataa seeraatiin qabamee Manni irra jiru,yookiin lafa tajaajila Mana jireenyaaf qotee bulaan ykn horsiisee bulaa ykn gamisa horsiisee bulaan qabamee Manni irra jiru sababa babal’ina Magaalaan ykn Magaalichi qaama seerummaa argachuun Lafa Magaalaa ta’ee qaama dhimmi ilaalu irraa ragaa abbaa qabiyyummaa kennamu kan hin qabne jechuudha.
“Ijaarsa seeraan alaa” jechuun qabiyyee Lafa Magaalaa hayyama qaama naannicha keessatti Lafa bulchuuf aangoo qabuun ala qabame irratti ykn Lafa seeraan hayyamame ta’ee hayyama ijaarsaa qaama aangoo qabuun kenname osoo hin qabaatiin Ijaarsa raawwatame ykn raawwatamaa jiru kamuu jechuudha.
“Qabiyyee Seeraan Alaa” jechuun qabiyyee Lafa Magaalaa qaama aangoo qabuun osoo hin hayyamamiin qabame jechuudha.
Lafti qabiyyee mootummaa fi ummataati,heera mootummaa keewwata 40(3).
Mirgi itti fayyafama Lafa Magaalaa argamuu kan danda’u liiziidhaan yookiin bu’uura waliigaltee yeroo irratti daanga’eenidha,Labsii Lafa Magaalaa Bulchuuf Bahe Lakkoofsa 721/2011 keewwata 2(1).
Lafti Magaalaa kamiyyuu kan kennamu ykn darbu pilaanii Magaalaa irratti hundaa’een seera liiziitiiniidha,Dambii Lafa Magaalaa Lakkoofsa 182/2008 keewwata 5(1).
Lafti Magaalaa Liiziin kan kennamu caalbaasiidhaan ykn ramaddiidhaan qofa,Dambii keewwata 5(2).
Magaalota bu’uura Labsicha keewwata 5(4) tiin yeroo murtaa’eef sirni Liizii irratti hin raawwatamne keessatti Lafti Magaalaa kan hayyamamu caalbaasii fi ramaddii Sirna kiraatiin ta’a,Dambii keewwata 5(3).
Magaalota sirna Liizii keessa hin galle,Ejensiin erga qoratamee booda murtee Mana Maree Bulchiinsaatiin murtaa’ee sirna Liizii keessa akka galu taasifamee,ibsi ummataaf taasifamuu qaba,Dambii keewwata 6(2)(3).
Namni qabiyyee Lafa isaa cinaa Lafa Mootummaa jiru eeyyama qaama aangoo qabuun alatti bal’ifachuu,fi itti fayyadamuu hin danda’u,Labsii keewwata 5(1)(2).
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 20ffaa Lakkoofsa Galmee 111311 ta’een “namni kamiyyuu qaama aangoo qabu irraa eeyyama osoo hin argatin qabiyyee seeraan argate cinaa qabiyyee Lafa isaa qabiyyee mootummaa ta’e irratti bal’ifatee qabachuu,fi fayyadamuu akka hin dandeenye” Labsii keewwata 5(2) waliin wal qabsiisuun murteessee ture.
Qabiyyee durii gara Liiziitti akkamitti akka deebi’uu danda’u Labsii keewwata 6 fi Dambii keewwata 7 fi 10 jalatti tumameera.
# Qabiyyeewwan_Durii Sirna Liizii Keessa Galuu Hin Qabne/Qabiyyeewwan durii kanatti aananii tarreeffaman sirna Liizii keessa hin galan:-
1.Abbootii mirgaa qabiyyee durii dhaalaan argatan qooddachuuf gaaffii dhiheessanii qoodinsi akkaataa pilaaniitiin fudhatama argatee yommuu eeyyamamuuf;
2.Abbaa warraa fi haati warraa seeraan walhiikan qabiyyee durii qixa seeraan murtaa’een qooddatanii qoodinsichis pilaaniin fudhatama yammuu argatu;
3.Abbootii mirgaa keessaa garri tokko gahee kanneen birootiif tilmaama kanfalanii hambifachuu yoo barbaadanii fi kan irratti waliigalan ta’e;
4.Faayidaa ummataaf jecha namoota qabiyyee durii isaanii gadi dhiisaniif Lafa bakka bu’iinsaan kennamu;
5.Qabiyyee durii waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa hin qabne waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa akka argatan yommuu taasifamu;
6.Qabiyyeewwan bara Dargii dhaalamanii qaama dhimmi ilaaluun abbaa qabiyyee duriif murtiidhaan deebi’an;
7.Labsichi ‘Nagaarit Gaazeexaa’ irratti maxxanfamee bahuun dura:-
A.Qabiyyeewwan gama Ejensii Piraayivetayize
eshinii Mootummaa Federaalaatiin gurguramanii waliigalteen kan irratti raawwate ta’ee,jijjiirraan maqaa irratti hin raawwatamin;
B.Qabiyyeewwan durii waliigalteen gurgurtaa qaama aangoo qabuun galmaa’ e ykn kan Mana Murtiin ragga’e ykn kan qaama dhimmi ilaaluuf galii ta’ee jijjiirraan maqaa hin raawwatamiin;
C.Qabiyyee durii sababa liqiin Baankii deebi’uu dhabuutiin caalbaasiin gurguramanii jijjiirraan maqaa hin raawwatamiin ta’u.Dambii keewwata 11.
# Bulchiinsa_Qabiyyee_Durii Waraqaa Ragaa Abbaa Qabiyyummaa Hin Qabnee:-
Bulchiinsi qabiyyee durii waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa hin qabneef waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa kennuuf,ulaagaawwan guutuu qaban Dambii keewwata 8,fi Qajeelfama Lakkoofsa 5/2008 keewwata 7 jalatti ifa taasiseera.
Qabiyyee durii waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa hin qabneef waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa kennuuf,qabiyyicha irra Manni ijaaramee tajaajila kennaa jiru yoo irra jiraate,abbaa qabeenyaa Mana kanaa ta’uun Bulchiinsa Gandaan yoo mirkanaa’ee fi ragaalee armaan gaditti tarreeffaman keessaa yoo xiqqaate tokko dhihaachuu qaba:
1.Waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa durii kan Labsii Lakk.47/1967 dura kennameefi qabiyyichi ykn manichi guutummaatti kan Mootummaadhaan hin dhaalamne ta’uun yoo mirkanaa’e;
2.Qabiyyichi Labsii Lakk.47/67 dura qabamuu isaa ragaan barreeffamaa faayila Mana galmee keessatti yoo argame;
3.Ragaan qaama aangoo qabuun kenname qabiyyeen lafaa kun seera yeroo saniitiin eeyyamamuu isaa agarsiisu galmee kuusaa isaa keessatti Kan argamu yoo ta’e;
4.Ganda qonnaan bulaa gara Magaalaatti dhufe yoo ta’e,nagahee kanfaltii gibira itti fayyadama Lafa baadiyyaa osoo magaalaatti hin daangeeffamin duraa yoo xiqqaate Kan waggaa 3 yoo qabaate;
5.Xalayaa ykn iyyannoo mirriitii Lafaa qaama aangoo qabuun qajeelfame ykn hafteen nagahee mirriitii Lafaa faayila Mana galmee keessatti yoo argame;
6.Murtii Mana Murtiitiin qabiyyee ykn Mana kana ilaalchisee kenname yoo qabaatee fi faayila Mana Galmee keessa yoo jiraate;
7.Waraqaa ragaa itti fayyadama Lafa baadiyyaa akkaataa seera itti fayyadama Lafa baadiyyaatiin kennameefi seera qabeessummaan isaa mirkanaa’ee yoo argame ta’a.
Waliigalteen Liizii Yoom akka addaan citu Labsicha keewwata 25 jalatti tumeera.
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_
Federaalaa_Jildii 20ffaa Lakkoofsa Galmee 107777 ta’e irratti “qabiyyee Lafa Magaalaa irratti yeroo Liiziin addaan citu,namni qabiyyicha irratti qabeenya horate yeroo waggaa tokko(1) keessatti kaafatee qabiyyee qaama aangoo qabuuf deebisee harkaan gahuu akka qabu” Labsicha keewwata 25(1)(2) wajjiin wal qabsiisuun Murtii kennee ture.
# Qabiyyee_Seeraan_Alaa :
1.Qabiyyee seeraan ala Dambii Lakk.155/2005 ragga’uun dura qabamanii tajaajilaaf oolaa jiran pilaanii magaalichaan fudhatama kan argatan yoo ta’e,akkaataa istaandardii tajaajilichaaf magaalichaaf murtaa’uun yeroo tokkoof seera qabeessa ta’uun sirna Liizii keessa ni galu,Dambii Lakk.182/2008 keewwata 9(1).
2.Magaalaa sirna Liizii keessa hin galle keessatti qabiyyeen seeraan alaa seera qabeessa ta’uun gatii kiraa Lafaa gosa tajaajilichaaf waggaan kaffalamu gatii ka’umsa Liizii ta’ee sirna Liizii keessa gala,Dambii keewwata 9(3).
Qabiyyee Lafa Magaalaa seeraan ala qabame gadi lakkisiisuuf Beenyaa kanfaluun hin barbaachisu.
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 23ffaa Lakkoofsa Galmee 150803 ta’een “qaamni aangoo qabu qabiyyee Lafa Magaalaa seeraan ala qabame Mana ijaarame akeekkachiisa barreeffamaa guyyoota hojii 7(torba) kennuu,fi Beenyaa kanfaluun osoo hin barbaachisin ajaja gadi lakkisiisuu kennuu akka danda’u,namni qabiyyee Lafa Magaalaa weeraraan yookiin saamichaan qabate sun yakkaanis himatamee adabamuu akka danda’u” Labsii keewwata 26(4),27 fi 35(1) wajjiin wal qabsiisuun Murtii laatee ture.
Qabiyyee Lafti duwwaa Magaalaa waliigaltee seeraan alaa bittaa fi gurgurtaatiin argamuu hin danda’u,heera mootummaa keewwata 40(3).
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 18ffaa Lakkoofsa Galmee 100671 fi Jildii 22ffaa Lakkoofsa Galmee 141606 ta’aniin “Lafa duwwaa bituu fi gurguruun seeraan ala akka ta’ee,fi qabiyyeen lafaa waliigaltee bittaa fi gurgurtaatiin argamuu akka hin dandeenye” heera mootummaa keewwata 40(3) wal qabsiisuun murteessee ture.