Lafa Magaalaa

Lafa_Magaalaa :
“Lafa Magaalaa” jechuun Lafa daangaa Bulchiinsa Magaalaa keessatti argamu jechuudha.
“Liizii” jechuun sirna qabiyyee Lafaa mirgi itti fayyadama lafa Magaalaa waliigaltee daangaa yeroon murtaa’eetiin itti argamuudha.
“Waraqaa ragaa mirkaneessa abbaa qabiyyummaa” jechuun nama karaa seera qabeessa ta’een mirga itti fayyadama Lafaa argateef yookiin qabiyyee seeraan beekamtiin kennameefiif waraqaa ragaa mirkaneessa galmeessa mirga qabiyyee Lafa magaalaaf kennamu jechuudha.
“Qabiyyee Durii Waraqaa Abbaa Qabiyyummaa Hin Qabne” jechuun qabiyyee akkaataa seeraatiin qabamee Manni irra jiru,yookiin lafa tajaajila Mana jireenyaaf qotee bulaan ykn horsiisee bulaa ykn gamisa horsiisee bulaan qabamee Manni irra jiru sababa babal’ina Magaalaan ykn Magaalichi qaama seerummaa argachuun Lafa Magaalaa ta’ee qaama dhimmi ilaalu irraa ragaa abbaa qabiyyummaa kennamu kan hin qabne jechuudha.
“Ijaarsa seeraan alaa” jechuun qabiyyee Lafa Magaalaa hayyama qaama naannicha keessatti Lafa bulchuuf aangoo qabuun ala qabame irratti ykn Lafa seeraan hayyamame ta’ee hayyama ijaarsaa qaama aangoo qabuun kenname osoo hin qabaatiin Ijaarsa raawwatame ykn raawwatamaa jiru kamuu jechuudha.
“Qabiyyee Seeraan Alaa” jechuun qabiyyee Lafa Magaalaa qaama aangoo qabuun osoo hin hayyamamiin qabame jechuudha.
Lafti qabiyyee mootummaa fi ummataati,heera mootummaa keewwata 40(3).
Mirgi itti fayyafama Lafa Magaalaa argamuu kan danda’u liiziidhaan yookiin bu’uura waliigaltee yeroo irratti daanga’eenidha,Labsii Lafa Magaalaa Bulchuuf Bahe Lakkoofsa 721/2011 keewwata 2(1).
Lafti Magaalaa kamiyyuu kan kennamu ykn darbu pilaanii Magaalaa irratti hundaa’een seera liiziitiiniidha,Dambii Lafa Magaalaa Lakkoofsa 182/2008 keewwata 5(1).
Lafti Magaalaa Liiziin kan kennamu caalbaasiidhaan ykn ramaddiidhaan qofa,Dambii keewwata 5(2).
Magaalota bu’uura Labsicha keewwata 5(4) tiin yeroo murtaa’eef sirni Liizii irratti hin raawwatamne keessatti Lafti Magaalaa kan hayyamamu caalbaasii fi ramaddii Sirna kiraatiin ta’a,Dambii keewwata 5(3).
Magaalota sirna Liizii keessa hin galle,Ejensiin erga qoratamee booda murtee Mana Maree Bulchiinsaatiin murtaa’ee sirna Liizii keessa akka galu taasifamee,ibsi ummataaf taasifamuu qaba,Dambii keewwata 6(2)(3).
Namni qabiyyee Lafa isaa cinaa Lafa Mootummaa jiru eeyyama qaama aangoo qabuun alatti bal’ifachuu,fi itti fayyadamuu hin danda’u,Labsii keewwata 5(1)(2).
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 20ffaa Lakkoofsa Galmee 111311 ta’een “namni kamiyyuu qaama aangoo qabu irraa eeyyama osoo hin argatin qabiyyee seeraan argate cinaa qabiyyee Lafa isaa qabiyyee mootummaa ta’e irratti bal’ifatee qabachuu,fi fayyadamuu akka hin dandeenye” Labsii keewwata 5(2) waliin wal qabsiisuun murteessee ture.
Qabiyyee durii gara Liiziitti akkamitti akka deebi’uu danda’u Labsii keewwata 6 fi Dambii keewwata 7 fi 10 jalatti tumameera.
# Qabiyyeewwan_Durii Sirna Liizii Keessa Galuu Hin Qabne/Qabiyyeewwan durii kanatti aananii tarreeffaman sirna Liizii keessa hin galan:-
1.Abbootii mirgaa qabiyyee durii dhaalaan argatan qooddachuuf gaaffii dhiheessanii qoodinsi akkaataa pilaaniitiin fudhatama argatee yommuu eeyyamamuuf;
2.Abbaa warraa fi haati warraa seeraan walhiikan qabiyyee durii qixa seeraan murtaa’een qooddatanii qoodinsichis pilaaniin fudhatama yammuu argatu;
3.Abbootii mirgaa keessaa garri tokko gahee kanneen birootiif tilmaama kanfalanii hambifachuu yoo barbaadanii fi kan irratti waliigalan ta’e;
4.Faayidaa ummataaf jecha namoota qabiyyee durii isaanii gadi dhiisaniif Lafa bakka bu’iinsaan kennamu;
5.Qabiyyee durii waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa hin qabne waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa akka argatan yommuu taasifamu;
6.Qabiyyeewwan bara Dargii dhaalamanii qaama dhimmi ilaaluun abbaa qabiyyee duriif murtiidhaan deebi’an;
7.Labsichi ‘Nagaarit Gaazeexaa’ irratti maxxanfamee bahuun dura:-
A.Qabiyyeewwan gama Ejensii Piraayivetayize
eshinii Mootummaa Federaalaatiin gurguramanii waliigalteen kan irratti raawwate ta’ee,jijjiirraan maqaa irratti hin raawwatamin;
B.Qabiyyeewwan durii waliigalteen gurgurtaa qaama aangoo qabuun galmaa’ e ykn kan Mana Murtiin ragga’e ykn kan qaama dhimmi ilaaluuf galii ta’ee jijjiirraan maqaa hin raawwatamiin;
C.Qabiyyee durii sababa liqiin Baankii deebi’uu dhabuutiin caalbaasiin gurguramanii jijjiirraan maqaa hin raawwatamiin ta’u.Dambii keewwata 11.
# Bulchiinsa_Qabiyyee_Durii Waraqaa Ragaa Abbaa Qabiyyummaa Hin Qabnee:-
Bulchiinsi qabiyyee durii waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa hin qabneef waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa kennuuf,ulaagaawwan guutuu qaban Dambii keewwata 8,fi Qajeelfama Lakkoofsa 5/2008 keewwata 7 jalatti ifa taasiseera.
Qabiyyee durii waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa hin qabneef waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa kennuuf,qabiyyicha irra Manni ijaaramee tajaajila kennaa jiru yoo irra jiraate,abbaa qabeenyaa Mana kanaa ta’uun Bulchiinsa Gandaan yoo mirkanaa’ee fi ragaalee armaan gaditti tarreeffaman keessaa yoo xiqqaate tokko dhihaachuu qaba:
1.Waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa durii kan Labsii Lakk.47/1967 dura kennameefi qabiyyichi ykn manichi guutummaatti kan Mootummaadhaan hin dhaalamne ta’uun yoo mirkanaa’e;
2.Qabiyyichi Labsii Lakk.47/67 dura qabamuu isaa ragaan barreeffamaa faayila Mana galmee keessatti yoo argame;
3.Ragaan qaama aangoo qabuun kenname qabiyyeen lafaa kun seera yeroo saniitiin eeyyamamuu isaa agarsiisu galmee kuusaa isaa keessatti Kan argamu yoo ta’e;
4.Ganda qonnaan bulaa gara Magaalaatti dhufe yoo ta’e,nagahee kanfaltii gibira itti fayyadama Lafa baadiyyaa osoo magaalaatti hin daangeeffamin duraa yoo xiqqaate Kan waggaa 3 yoo qabaate;
5.Xalayaa ykn iyyannoo mirriitii Lafaa qaama aangoo qabuun qajeelfame ykn hafteen nagahee mirriitii Lafaa faayila Mana galmee keessatti yoo argame;
6.Murtii Mana Murtiitiin qabiyyee ykn Mana kana ilaalchisee kenname yoo qabaatee fi faayila Mana Galmee keessa yoo jiraate;
7.Waraqaa ragaa itti fayyadama Lafa baadiyyaa akkaataa seera itti fayyadama Lafa baadiyyaatiin kennameefi seera qabeessummaan isaa mirkanaa’ee yoo argame ta’a.
Waliigalteen Liizii Yoom akka addaan citu Labsicha keewwata 25 jalatti tumeera.
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_
Federaalaa_Jildii 20ffaa Lakkoofsa Galmee 107777 ta’e irratti “qabiyyee Lafa Magaalaa irratti yeroo Liiziin addaan citu,namni qabiyyicha irratti qabeenya horate yeroo waggaa tokko(1) keessatti kaafatee qabiyyee qaama aangoo qabuuf deebisee harkaan gahuu akka qabu” Labsicha keewwata 25(1)(2) wajjiin wal qabsiisuun Murtii kennee ture.
# Qabiyyee_Seeraan_Alaa :
1.Qabiyyee seeraan ala Dambii Lakk.155/2005 ragga’uun dura qabamanii tajaajilaaf oolaa jiran pilaanii magaalichaan fudhatama kan argatan yoo ta’e,akkaataa istaandardii tajaajilichaaf magaalichaaf murtaa’uun yeroo tokkoof seera qabeessa ta’uun sirna Liizii keessa ni galu,Dambii Lakk.182/2008 keewwata 9(1).
2.Magaalaa sirna Liizii keessa hin galle keessatti qabiyyeen seeraan alaa seera qabeessa ta’uun gatii kiraa Lafaa gosa tajaajilichaaf waggaan kaffalamu gatii ka’umsa Liizii ta’ee sirna Liizii keessa gala,Dambii keewwata 9(3).
Qabiyyee Lafa Magaalaa seeraan ala qabame gadi lakkisiisuuf Beenyaa kanfaluun hin barbaachisu.
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 23ffaa Lakkoofsa Galmee 150803 ta’een “qaamni aangoo qabu qabiyyee Lafa Magaalaa seeraan ala qabame Mana ijaarame akeekkachiisa barreeffamaa guyyoota hojii 7(torba) kennuu,fi Beenyaa kanfaluun osoo hin barbaachisin ajaja gadi lakkisiisuu kennuu akka danda’u,namni qabiyyee Lafa Magaalaa weeraraan yookiin saamichaan qabate sun yakkaanis himatamee adabamuu akka danda’u” Labsii keewwata 26(4),27 fi 35(1) wajjiin wal qabsiisuun Murtii laatee ture.
Qabiyyee Lafti duwwaa Magaalaa waliigaltee seeraan alaa bittaa fi gurgurtaatiin argamuu hin danda’u,heera mootummaa keewwata 40(3).
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 18ffaa Lakkoofsa Galmee 100671 fi Jildii 22ffaa Lakkoofsa Galmee 141606 ta’aniin “Lafa duwwaa bituu fi gurguruun seeraan ala akka ta’ee,fi qabiyyeen lafaa waliigaltee bittaa fi gurgurtaatiin argamuu akka hin dandeenye” heera mootummaa keewwata 40(3) wal qabsiisuun murteessee ture.

Lafa

#Lafa_baadiyyaa_Oromiyaa_fi_Adabbii_yakkaa
✍️Dambii_Bulchiinsaa fi Itti fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa Lakk. Galmee 151/2005 keewwata 33 jalaatti lafa baadiyyaan walqabatee gochoota yakkaa raawwataman irratti adabbii tarreesse jira innis:-

✍1.Lafa baadiyaa osoo hin kennamniif seeraan ala qabachuun yookiin qabachuu yaaluun yookiin mana ijaaruun yookiin dallaa ijaaruun yookiin qotuun yookiin qotuu yaaluun dhorkaadha,

✍️namni kamiyyuu osoo beekuu yookiin beekuu osoo qabuu:lafa badiyaa seeraan ala qabatee yookiin qabachuu yaale yookiin mana ijaare yookiin dallaa ijaaree yookiin qotee yookiin qotuu yaalee argame seera biraatiin kana caalaa kana dhabsiisu yoo ta’e malee adabbii hidhaa waggaa tokkoo hanga waggaa shaniifi qarshii kuma lamaa hanga kuma jahaatiin adabama.

✍2-Hojjataan mootummaa yookiin namni ragaa lafa badiyaa akka qopheessu akka
kennu akka jijjiiru angoon seeraan kennameef ragaa lafa baadiyaa dogongoraa kennuun ykn qopheesuun yookiin jijjiiruun dhoorkaadha;

✍️namni kamiyyuu osoo beekuu yookiin beekuu osoo qabuu:ragaa qabiyyee lafa baadiyaa sobaa yookiin dogongooraa kenne yookiin jijjiiree yookiin qopheesee argame seera biraatiin kana caalaa kan adabsiisu yoo ta’e malee adabbii hidhaa cimaa waggaa tokkoo hanga waggaa shanii fi qarshii kuma sadii hanga kuma jahaatiin adabama

✍3-Abbaan qabiyyee lafa baadiya mirga itti fayyadama lafa baadiyaa seeraan ala kennuun yookiin kennuu yaaluun,ragaa dogongoraatiin
fayyadamuun lafa baadiyaa qabachuun yookiin qabachuu yaaluun,ragaa dogongoraa qopheessuun yookiin qopheessisuun yaaluuun,waraqaa ragaa qabiyyee lafaa seeraan ala fudhachuun yookiin fudhachuu yaaluun dhoorkaadha;

✍️namni kamiyyuu osoo beekuu yookiin beekuu osoo qabuu:mirga itti fayyadama qabiyyee lafa baadiyaa seeraan ala kenne yookiin kennuu yaale,ragaa dogongoraatiin fayyadamuun lafa baadiyaa qabate yookiin qabachuu yaale,ragaa dogongoraa qopheesse ykn qopheessise waraqaa ragaa qabiyyee lafaa seeraan ala fudhate yookiin fudhachuu yaalee argame seera biraatiin kana caalaa kan adabsiisu yoo ta’e malee adabbii hidhaa waggaa tokkoo hanga waggaa sadii fi qarshii kuma tokkoo hanga kuma sadiitiin adabama.

✍4.Nami lafa baadiyaa itti fayyadamu irraan gadee qotuun,daagaa hojjatame diiguun,daagaa bakka barbaaddamett ijaaruu dhiisuun,karaa lolaa irrangadee baasuun lafa biqiltuu yookiin lafa eegumsa biyyeefi
bishaantiif ittifame beeyladaa itti gadi dhiisuun dhoorkaadha;

✍️namni kamiyyuu osoo beekuu yookiin beekuu osoo qabuu:lafa baadiyaa itti fayyadamuu irraan gadee qotee yookiin daagaa hojjatame diigee yookiin daaga bakka barbaaddametti ijaaruu dhisee yookiin karaa lolaa irra gadee baasee yookiin lafa biqiltuu yookiin lafa eegumsa biyyeefi bishaanitiif ittifame beeyladaa itti gadi dhiisee yoo argame seera biraatiin kana caalaa kan adabsiisu yoo ta’e malee adabbii hidhaa salphaa hanga
ji’a sadiifi hanga qarshii kuma tokkootiin adabama.

✍ 5. Bulchiinsi Gandaa dhimma mirga qabiyyee lafa baadiyaatiin walqabatuu irratti iyyata dhiyaatu fuudhee yeroo seeraan murta’ee keessatti deebii qaama barbaachisuu kennuu diduun dhoorkaadha

✍️bulchiinsi gandaa osoo beekuu yookiin beekuu osoo qabuu:dhimma mirga qabiyyee lafa baadiyaatiin walqabatuu irratti iyyata dhiyaate yoo fuudhuu dide yookiin iyyata fuudhee jaarsolee araaraa filachiisuun raawwachuu yoo dide yookiin bu’aa araaraa raawwachisuu yoodhiise yookiin yeroo seeraan murtaa’e keessatti qaama barbaachisuuf deebii yoo kennuu dhabee argame seera biraatiin kana caalaa kan adabsiisu
yoo ta’e malee,hidhaa salphaa ji’a tokkoo hanga ji’a sadiifi qarshii dhibba shanii hanga kuma tokkootiin adabama.
Barruu gabaabduu Lafa baadiyyaa Oromiyaa fi MDHIMMWF fi qabatama ( Binimos Shemmallis) irraa

Balleessawwan Balaa tiraafikii

Balleessaa lafoo deemtotaan nageenya tiraafikaa irratti raawwatamanii fi adabbii hordofsiisu!
።።።።።።።።።።።።።
Bu’uura qajeelfama to’annoo nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf bahe lakk.117/2012 tiin balleessaawwan nageenya tiraafikaa irratti qaamolee garagaraan raawwatamanii fi adabbiiwwan hordofsiisan tumamanii jiru. Balleessaawwan kunis;
◆ kan konkolaachisaan raawwataman
◆ kan abbootii qabeenya konkolaataan raawwataman
◆ kan gargaaraa konkolaachisaan raawwataman
◆ kan lafo deemtotaan raawwataman jechuudhaan tumamanii jiru.
Balleessaawwan nageenya tiraafikaa yeroo hedduu raawwatamunii fi adabamuun beekaman lamaan gara duraa irratti argaman yoo ta’an kanneen hafan lameen balleessaa qabaachuu fi adabamuun isaaniitu waan beekamu hin fakkaatu.
Qajeelfamicha kwt 16 jalatti gochoota balleessaa lafo deemtotaa tahanii fudhatamanii fi adabbiiwwan maallaqaa hordofsiisan waliin tumamaniiru.
❶ gosoota balleessaa lafoo deemtotaa:
Keewwata 16 jalatti gosaawwan balleessaa 8 tarreeffama (A-H) kan jiraniidha. Isaanis,
▶of-eeggannoo gahaa malee daandii qaxxamuruu,
▶ daandii konkolaataa irra sababa gahaa malee dhaabbachuu ykn deemuu,
◆ iddoo daandiin lafoo deemtotaa hin jirreetti gara mirgaa qabatanii deemuu dhabuu,
◆ daandii lafoo deemtotaan jedhameen ala kan deeme,
◆ daandii lafoo deemtotaa irratti daldala kan gaggeesse ykn meeshaalee kaa’u ykn karaa kamiinuu daandii lafoo danquu,
◀sibiila ykn dallaa daandii gubbaan utaalanii qaxxamuruu
▲sagalee dhageessiftuu gurratti godhachuun dhaggeeffachaa daandii qaxxaamuruu, fi
◀ daandii lafoon qaxxamuruun dhoorkaa tahee qaxxamuruudha.
❷ adabbiiwwan balleessawwan kunneen hordofsiisan
Gabatee gosoota balleessaa nageenya tiraafikaa lafoo deemtotaa keessatti gosti adabbii kenname adabbii maallaqaa yoo ta’u kunis qarshii 40-80 ti. Gosoota balleessaa tarreeffamaniif adabbiin qarshii 40 balleessaa shanan duraaf yoo kennamu adabbiin qarshii 80 immoo balleessaawwan sadan hafaniif kan kennamaniidha.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa yakkawwan dirqamaan gudeeduu naannoo Tigiraayitti qaqqaban jedhe ifa godheera.

‘Tigraayiitti baatiiwwan lamaan darbaniitti miidhaan dirqiin gudeeduu 108 gabaafame’ Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa yakkawwan dirqamaan gudeeduu naannoo Tigiraayitti qaqqaban jedhe ifa godheera. “Bakkeewwan tokko tokkottis dhaabbileen akka buufata fayyaafi poolisiin kanneen namoonni miidhaa irra gahee itti gabaasan diigamuusaanitiin walqabatee kanneen gabaasa taasifaman ammaafi miidhaa qaqabee sirriin kan hinmul’ifneefi miidhaa saalaa qaqabee kana caalaa ta’uu akka […]

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa yakkawwan dirqamaan gudeeduu naannoo Tigiraayitti qaqqaban jedhe ifa godheera.

Qabiyyee Lafa Baadiyyaa

Darbinsa Yeroo Falmii Lafa Baadiyyaa. ✅Biyya keenyatti lafas ta’e qabeenya uummamaa biroo irratti namni dhunfaa mirga abbaa qabeenyummaa horachuu hin danda’u. ✅Akka tumaa Heera RDFI kwt 40(4-5) irraa hubachuun danda’amutti mirgi namni dhunfaa lafa baadiyyaa irratti horachuu danda’u inni guddaan mirga abbaa qabiyyummaa qofa. ✅ Qabiyyeen lafaa kunis nama umuriin isaa waggaa 18 guutee […]

Qabiyyee Lafa Baadiyyaa

MIRGA_WABII_FI_MURTIILEE_DHADDACHA_IJIBBAATAA_MMWF

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 24ffaa Lakkoofsa Galmee 182050 ta’een 
‘’sababa yakki himatamaan raawwateen hamma miidhaa qaqqabe ilaalchisee Abbaan Alangaa keewwata seera himannicha hundeen hanga miidhaa yakkichaan dhaqqabe ibsuu dhabuun; himatamaan mirga wabiitiin yoo gadi lakkifame dirqama wabii kabajee dhihaachuu hin danda’u tilmaama jedhuun fudhachuun mirga wabii kan dhorkisiisuu miti,shakkamaan yakka biraatiin kan barbaadamu yoo ta’e malee mirga wabiin bahee dhimma isaa hordofatuu qaba’’ jechuun sdfy keewwata 67,Labsii Lakk.882/07 fi 434/1997 waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee ture.

Jildima 24ffaa kana Lakkoofsa Galmee 182266 ta’e  irratti seerri deemsa falmii yakkaa keewwattoonni 63 fi 67 himatamtoota irratti akkaataa kamiin 
raawwatiinsa akka qabu tokko tokkoon ibsuun sagalee caalmaan hiikoo kennee ture.

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii_9ffaa_Lakk_Galmee 35695 ta’een 
‘’nama seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 543(3) jalatti himatameef mirgi wabii hin eegamu’’  jechuun hiikoo kennee  ture.

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 12ffaa Lakkoofsa Galmee 59304 ta’e irratti ‘’mirga wabii waliin wal qabatee Manneen Murtii mirga wabii himatamaa dhorkuuf baay’ina himannaa ittiin himatamee fi ulfaatina isaa bu’uura godhachuu akka danda’an’’ jechuun hiikoo kennee ture.

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 7ffaa Lakkoofsa Galmee 31734 ta’een 
‘’iyyataan paaspoortii fi seensa viizaa biyyoota baay’ee qabatee argameef tilmaama fudhachuun sababa 
gahaa dha jedhamus iyyataan Biyyaa akka hin baane taasifamee dirqama wabii eegee akka dhihaatu taasifamee ajajni kennamuu osoo qabu mirga wabii dhorkuun dogongora’’ jechuun murteessee ture;

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii_13ffaa Lakkoofsa Galmee 67874 ta’e irratti ‘’Manneen Murtii dhimma yakkaa irratti gaaffii mirga wabii fudhachuu dhabuuf aangoo akka qaban gaaffii mirga wabii fudhachuu dhiisuuf sababni gahaan fi 
bu’uura seeraa qabu jiraachuu qaba’’ jechuun murteessee ture;fi

#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 20ffaa Lakkoofsa Galmee 134228 ta’een ‘’sababoota mirga wabii dhorkisiisan Manneen Murtii haala gara garaatiin ilaaluun madaaluu akka qaban; himatamaan tokko mirgi wabii yoo eegameef dirqama wabii kan kabaju hin fakkaatu jedhamee tilmaamame sababoonni gahaa fi bu’uura seeraa qabu jiraachuu akka qabu,akkasumas sababoonni gahaa fi seerawaadha jechisiisu haalota naannoo gara garaa fi haala addaa dhimmichaatiin ilaalamuu qaba’’ jechuun sdfy keewwata 67(a) waliin wal qabsiisuun murteesse 
ilaaluun ni danda’ama.

Shakkamaan too’annaa jalaa akka bahuuf mirgi wabii kan eegame/eeyyamame yoo ta’e,qaamni komii qabu Mana Murtii idilee sadarkaa itti aanutti ol’iyyannoo gaafachuu danda’a.
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 18ffaa Lakkoofsa Galmee 110969 ta’e irratti ‘’ajaja mirga wabii eeguun kenname irratti himataan/Abbaan Alangaa/ ol’iyyannoo gaafachuuf mirga qaba’’ jechuun hiikoo 
kenne;
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii_19ffaa Lakkoofsa Galmee 112725 ta’e irratti ‘’murtii mirga wabii shakkamaa eeguun kenname irratti Abbaan Alangaa ol’iyyannoo gaafachuu danda’a’’ jedhee hiikoo kenne,sdfy bara 1961 bahe keewwata 75. 

Kanfaltii Sooramaa Hojjattoota Mootummaa fi Seera


✅Hojjataan mootummaa kanfaltii sooramaa argachuuf mirga qaba.Barri tajaajila hojjataa mootummaa lakkaa’amuu kan eegalu guyyaa qaxarame yookiin ramadame irraa kaaseeti.
✔Kanfaltiin sooramaa kan kaffalamu ji’a ji’aan akka ta’e Labsii Soramaa fooyya’ee bahe Lakk.1267/2022 keewwata 47(1) jalatti tumeera.
1️⃣.Hojjataan mootummaa tokko sababa miidhaa hojiirraa gaheen miidhame kanfaltii 10% gadi hin taane yookiin miidhaa fayyuu hin dandeenye yoo ta’e durgoo sooramaa umrii guutuu argachuu akka danda’u Labsii Sooramaa Lakk.1267/2014(2022) keewwata 36 jalatti tumeera.Kun akkuma jirutti ta’ee,hammi durgoon sooramaa mindaa isaa 47% ta’uu akka danda’u keewwata 37 jalatti tumeera.
2️⃣.Durgoon sooramaa haadha warraa du’aa yookiin abbaa warraatiif kaffalamu du’aan argatu yookiin argachuu danda’u ture 50% ni ta’a Labsicha keewwata 41(1).
3️⃣.Durgoo sooramaa ilma du’aatiif kaffalamu du’aan argatu yookaan argachuu danda’u ture 20% ni argata.
4️⃣.Haati warraa fi Abbaan warraa lachuu yoo du’an mucaan isaanii durgoo sooramaa 30% ni argata.
5️⃣.Mirgi durgoo argachuu idaan hin qabamu,dhaalaan hin darbus,keewwata 50.
6️⃣.Durgoo sooramaa ilaalchisee dhimma adabbii mootummaaf galii ta’u,gibira yookiin qaraxa kanfaluu,fi dirqama qallaba kennuu waliin wal qabatee Manni Murtii yoo ajaje malee hin qabamu(hin dhorkamu).
👉#Darbiinsa_Yeroo:
Gaaffiin kanfaltii durgoo sooramaa kamiyyuu guyyaa mirga isaa fayyadamuu eegale irraa kaasee waggaa 5 keessatti yoo hin gaafanne ta’e,darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf waggaa 5 booda gaafachuun akka hin danda’amne Labsicha keewwata 49 jalatti tumeera.
👉#Labsii Lakk.714/2011,Labsii Lakk.146/1998 keewwanni 12 fi 30(1) fi keewwattoota durgoo sooramaa ilaallatu,Labsii Lakk.653/2009 keewwata 12 fi 21 Labsii sooramaa haaraa 1267/2014 keewwata 63 tiin haqamaniiru.

Maallaqa Biyya Alaa (Hard Currency)

🛑Maallaqa biyya alaa/hard currency/ seeran ala qabachuu
👉👉👉👉 👈👈👈👈

✍ Qarshii biyya alaa ykn sharafa biyya ala ( you can take any foreign currency 🇫🇮🇪🇺🇬🇦🇬🇶🇬🇧🌍🌍💸💷💶💵) hangamii fi guyyaa meeqaaf yoo qabnne itti gaafatamummaa yakkaa hordosiisaa???

✍Namni Itoophiyaa keessa jiraatuu ( person residing in Ethiopia) fi Namni jiraataa Itoophiyaa hin taane ( person not residing in Ethiopia) qarshii / sharafa biyyaa alaa / guyyaa meeqaaf of harka teessisuun hayyamamaaf???

💲 National Bank directive no FXD /19/2017 kewt 3 jiraataa Itoophiyaa ta’ee qarshii /sharafa biyya/ alaa kamiyuu guyyaa qarshii biyya alaa harka isaa galee kaasee ykn guyyaa qarshii kana beeksise kaasee guyyaa 30 keessatti qarshii biyya alaa gara qarshii biyya keessatti jijjiree qabachuu qabaa.

💲 Namni biyya alaatii gara biyyaa keessaa yoo galu qarshii biyya alaa hangam qabatee gara biyya keessaa galuu danda’a????
✍Jiraataa Itoophiyaa yoo ta’e gara biyya yoo galu hanga doolaar America 1000 (kuma tokkoo) gara biyya keessaa galee hanga guyyaa 30 qabachuun guyyaa 30 sanaan booda gara baankii deemee gara qarshii biyya keessaa jijjiruu qabaa. Yoo doolaara 1000 ol (exceeding 1000 USD 💵) gara biyya keessaa qabatee kan galu yoo ta’e. Akkuma biyya keessa seeneen buufata xiyyaaraa ykn bakka gumruukaa daangaa biyyatti irratti qarshii biyya alaa kuma tokko (1000) jiru gara qarshii biyya keessatti jijjiruu qabaa.

✍ jiraataa Itoophiyaa yoo ta’u baate gara biyya yoo galu hanga doolaar America 3000 (kuma sadi) qabatee galuu ni danda’a. Yoo doolaara 3000 ol (exceeding 3000 USD 💵) gara biyya keessaa qabatee kan galu yoo ta’e. Akkuma biyya keessa seeneen buufata xiyyaaraa ykn bakka gumruukaa daangaa biyyatti irratti qarshii biyya alaa kuma sadi (3000) jiru gara qarshii biyya keessatti jijjiruu qabaa.

Bakka kanatti namni jiraataa Itoophiyaa hin taane kan jiraataa Itoophiyaa ta’ee irraa adda isa taasiisu qarshii doolaara hanga kuma sadi (3000) guyyaa 30 keessatti gara qarshii biyya keessatti jijjiruuf hin dirqamuu hanga guyyaa vis (turtiin biyya keessaa isaaf hayyamuuf) qabachuu ni danda’a.

♦️ haaluma wal-fakkatuun namni gara Itoophiyaa galuu fi kan biyya keessaa bahu qarshii Itoophiyaa kuma tokkk hin caalle qabatee bahuu fi galuu hin danda’u. Haala addaatiin namni gara Biyya Jibuutii deemu hanga qarshii Itoophiyaa kuma afur qabatee biyyaa bahuu fi gara biyyaa galuu ni danda’a.

💱 walumaagalatti kan beekamuu qabu ❓❓❓

✍ 1ffaa Namani jiraataa Itoophiyaa ta’ee tokko qarshiin biyyaa alaa hanga doolaara kuma tokko (1000) isa harka galee jiru ykn guyyaa gara biyyaa galee beeksise irraa kaasee guyyaa 30 keessatti baankii deemuun gara qarshii biyya keessatti jijjiruu yoo baate yakkaan nama gaafachiisaa. As irratti beekamu kan qabu hanga qarshiin biyya alaa doolaara tokkoos (1) ta’ee doolaara kuma tokko (1000) guyyaa 30 booda yakkaan gaafachiisaa. Wantti ilaalamuu qabu qarshii hayyamameef qofa osoo hin taane guyyaa hayyamameef ol qabachuunis yakkaan kan gaafachiisu ta’uu isaati.

✍ 2ffaa Namni jiraataa Itoophiyaa ta’ee qarshii biyya alaa doolaara kuma tokkoo ol (1000) biyyaa keesstti qabatee argame osoo guyyaa 30beeguun hin barbaachisiin yakkaan kan gaafachiisu ta’aa. Akkasuma jiraataa Itoophiyaa kan hin taanees qarshii biyya alaa doolaara kuma sadi ol (3000) qabatee argame yakkaan gaafachiisaa.

✍ Adabbiin

♠️ National bank Establishment proclamation no 591/2008 kewt 26 seera yakkaan kan caaluun yoo gaafachiisu baate akka haala isaatti dhimmoota labii fi danbiin hammatamaniif adabbii baaxii qarshii kuma dhibba tokko (100000) fi hidhaa baaxii waggaa 25 kaa’eera.

♠️qarshiin qabame mootummaa galii ni ta’aa.

♠️ seera yakkaan kewt 346 hidhaa cimaa waggaa kudhan (10) hin caalee fi addabii qarshii kuma shantama (50,000) qabeenyaa dhaaluun akkuma eegameti ta’ee kan gaafachiisu ta’aa.

♠️ Hanga ammaa hojii irra hin oolle malee qarshii biyyaa alaa hanga doolaara dhibba tokko (100) namoota seeran ala qabanii argaman irratti yakkaan osoo hin gaafachiisiin adeemsaa bulchiinsaa qofa qarshii biyya alaa isaan harkatti argamee jiru mootummaaf galii gaochuun itti deemamaa jiraa.

Qabiyyee Lafa Baadiyyaa

 

Darbinsa Yeroo Falmii Lafa Baadiyyaa.

✅Biyya keenyatti lafas ta’e qabeenya uummamaa biroo irratti namni dhunfaa mirga abbaa qabeenyummaa horachuu hin danda’u.

✅Akka tumaa Heera RDFI kwt 40(4-5) irraa hubachuun danda’amutti mirgi namni dhunfaa lafa baadiyyaa irratti horachuu danda’u inni guddaan mirga abbaa qabiyyummaa qofa.

✅ Qabiyyeen lafaa kunis nama umuriin isaa waggaa 18 guutee qonnaan bulaa, horsiisee bulaa ykn gamis horsiisee bulaa ta’e ykn fedhii qotee ykn horsiisee buluu qabuf bilisan kennama.

✅Labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa naannoo oromiyaa labsii lakk 130/1999 keewwata 2(3) jalatti qabiyyee lafa baadiyyaa karaa seera qabeessaan argame jechuun mootummaa irraa kennaadhaan,maatii irraa kennaan yookiin dhaalmaan qabiyyee argame qofa akka ta`e ifaan tumamee jira.

✅Akkaataa lafti karaa seera qabeessa ta’en kennaan mootummaa irraa akkasumaas maatii irraa kennaa fi dhalmaan itti argamtu labsii kanaa fi danbii labsicha raawwachiisuuf bahe danbii lakk 151/2005 jalatti bal’inan tumamee jira.

✅Fakkeenyaaf namni tokko qabiyyee lafa isaa miseensa maatii isaa qofaaf kennaan yookiin dhaalaan dabarsuu akka danda’u Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa labsii lak.130/1999 keewwata 6(1) jalatti tumameera.

✅Kana jechuun akka tuma kana irraa hubatamuti lafa karaa seera qabeessa ta’en kennan yokiin dhalmaan argachuuf miiseensa maatii abbaa qabiyyee lafa tana ta’u qabda jechuudha.

✅Karaa seera qabeessa ta’een kennaan mootummaa irraa argachuufis akkaatuma labsii fi danbii kanaatiin qaama mootummaa aangoo qabuu irraa karaa seeraa qabeessa ta’een qabiyyee lafa argamudha.

✅Garagaltoon kanaa immoo lafa qabiyyee seeraan alaa jechuun akkaataa olitti ibsine kanaan karaa faallaa ta’een qabiyyee argame ta’uu isaa kan hubatamuudha.

✅Mirgi abbaa qabiyyumaa lafa baadiyyaa halaa kanaan argame kunis mirga daangaa hin qabne (absolute right) akka hin taanee fi mirgi kun akkaataa seeraan ta’een hafaa tahuu akka danda’u heerri mootummaas ta’e labsii fi danbiin lafa baadiyyaa kun ifatti tumanii jiru.

✅Karaaleen mirgi abbaa qabiyyumaa lafa baadiyyaa kun itti hafaa tahu baayyee keessa tokko akkaataa Danbii lakk.151/2005 keewwata 32 jalatti tumamee jirutti darbinsa yerootiin mirga abbaa qabiyyummaa hafaa tahuu dha.

✅Danbii lakk.151/2005 kwt 32 jalatti namni qabiyyee lafa baadiyyaa tokko seeraan ala qabate hanga waggaa 12 tti gadi lakkisiisuun akka danda’amu fi darbinsa yerootiin akka hin dangoofne tumameera.

✅Kun immoo waggaa 12 booda mirgi abbaa qabiyyee duraanii hafaa akka ta’u mul’isa.

❇️Iddoo kanatti dhimmi falmisiisan yeroo baayyef mannen murtii oromiyaa fi hayyoota seeraa jidduu ture akka danbii kana keewwata 12 jalatti tumame kanatti qabiyyee seeran ala qabatame hanga waggaa 12 ttii gadi lakkisiisuun ni danda’amaa isa jedhu kana ilalchisee qabiyyee seeran ala jechuun maal jechuu akka ta’ee fi murtiilee dhaddachi ijibaataa mana murtii waliigala federaalaa darbinsa yeroo falmii lafa baadiyyaa irratti kennaa ture irraa ka’eeti.

✅Qabiyyee seeraan alaa jechuun akka labsii fi danbii bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa irra hubatumutti akkuma olitti bal’inaan ibsame kanatti qabiyyee lafaa akkaataa labsii fi danbii kana jalatti tumamee jirun karaa faallaa ta’een argame akka ta’e kan hubatamuu dha.

✅Fakkeenyaaf miseensa maatii abbaa qabiyyee lafa sana osoo hin ta’in kennaan lafa kan argatu yoo ta’e akkaataa labsii kana keewwata 6 jalatti tumameen karaa walfalleessun qabiyyee argame waan ta’eef qabiyyee seeraan alaa ta’uu isaati.

✴️Haa ta’u garuu dhimma kanaan walqabatee MMWFDHI murtiileen jildii adda addaa irratti kannee jiru labsii fi danbii lafa baadiyyaa kanaan kan walfaalleessuu dha.

❇️Fakkeenyaaf MMWFDHIJ murtii dirqisiisoo jildii 14ffaa lakka galmee 79394 ta’e irratti kanneen abbaan qabiyyee tokko lafa qabiyyee isaa taate liqiidhaaf qabsiisuu fi nama miseensa maatii isaa hin taaneef dabarsuuf mirga hin qabu jechuun erga ibsee booda seeraan gochuun wanta dhoorgaa ta’e tokko irratti waliigalteen taasifame waliigaltee seeraan alaa waan ta’eef waliigalteen kun jalqabumarraahuu kaasee bu’aa hin qabu jechuun murteeseera.

✅Dabalataan dhaddachi kun ibsa bal’inaan jildii kana irratti kanneen kaayyoon bu’uraa waliigaltee tokkoo seeraan kan hin hayyamamnee fi kan dhorkame yoo ta’e waliigalteen kun waliigaltee seeraan alaa waan ta’eef manneen murtii yeroo himanni waliigaltee akkanaa kun isaaniif dhiyaatutti waliigaltee kana raawwatinsa hin qabu jechuun murteessuu akka qabanii fi waliigaltee seeraan alaa kanaas kufaa taasisuuf himanni dhiyaatu darbiinsa yerootiin kan hin dangeefamne ta’uu isaa labsii lafa baadiyyaa lakk 130/1999 waliin walqabsiisuun murteeseera.

Karaa biraatiin MMWF dhaddacha ijibbaataa jildii 13ffaa lakk galmee 69291 ta’e irratti murtii kanneen Akka heera mootummaa kwt 40(3) tti lafti qabeenya hin gurguramne ykn hin geedderamne fi qabeenya uummataafi mootummaa akka ta’ee fi waliigalteen bittaa fi gurgurtaa lafa irratti taasifamu kamu faallaa heera mootummaa fi seerota lafaa waan ta’eef waliigalteen bittaa fi gurgurtaa bitaa fi mirgi lafa irratti godhan seeraan ala.

✅Waliigalteen seera ala immoo darbiinsa yeroon hin daangeeffamu jechuun murteesseera.

✅Erga dhaddachi ijibaataa mana murtii waliigalaa federaalaa kun darbinsa yeroo qaabiyyee lafa baadiyyaa waliigaltee seeraan alaatiin argame darbinsa yerootiin hin danga’u jechuun haala olitti ibsine kanaan murteesee boodas manneen murtii oromiyaa waligalteen seeraan alaa kan darbinsa yerootiin hin dangoofne kunis gurgrgurtaa lafa baadiyyaa qofa akka ta’etti fudhachuun murteessaa kan turanii fi darbinsa yeroo falmii lafa baadiyyaa kanneen biroo akkaatuma danbii lafa baadiyyaa danbii lakk 151/2001 keewwata 32 ttiin kan keessuumeessaa turaniidha.

✅Sababni isaas keewwatichi lafa seeraan ala qabame waan jedhuuf lafa seeraan ala qabatame isa jedhu kana qabiyyee lafaa karaa labsii fi danbii lafa baadiyyaa falleessuun argame kanneen akka kennaa seeraan alaa waan ta’eef kun immoo akkaataa murtii dhaddacha ijaabataa kanaan waliigaltee seeraan alaatiin lafa argame kan jedhu kana balifnee kennaas akka dabalatutti kan hiikamu yoo ta’e danbii fi labsi kanaan walitti bu’uu danda’a yaada jedhu irraa ka’ameeti.

✅Sababa kanaaf manneen murtii keenya falmii lafaa akka daangaa yeroo hin qabnetti murteessaa turan falmii waliigaltee gurgurtaa lafa baadiyyaa walin walqabatu qofa.

✴️Dabalatan dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 22ffaa lakkoofsa galmee 140538 ta’e irratti murtii kanneen qabiyyee Lafa baadiyaa waggoota dheeraaf nama biraatiin qabamee turee fi faayidaa irra oolaa turee fi qabiyyeen kunis bu’uura waliigaltee seeraan alaatiin kan qabame ta’uun isaa hanga hin mirkanoofnetti waggaa 12 (kudha lama) booda qabiyyee kana gadi lakkisiisuuf himatni dhihatu darbiinsa yeroo waggaa 12 tiin kan daangeeffamu ta’uu isaa dambii Labsii lafa baadiyaa naannoo oromiyaa raawwachiisuuf bahe danbii Lakk. 151/2005 keewwata 32 waliin wal qabsiisuun murteesee jira.

✳️Manneen murtii keenya murtii dhaddacha ijibaataa kana boodallee waliigaltee seeraan alaatiin lafa argame isa jedhu kana akka danbii lafa baadiyyaa keewwata 32 waliin walitti hin buuneef waliigaltee gurgurtaa lafa baadiyaa qofa akka ta’etti fudhachuun murtii kennaa kan turanii dha.

⚛Kun osuma kanaan jiru manni murtii waliigalaa naannoo oromiyaa dhaddachi ijibaataa jildii 8ffaa lakk galmee 333084 ta’e irratti dhimma iyyattuun lafan abbaa kiyya irraa dhaaluu qabu himatamaan miseensa maatii keenyaa osoo hin ta’in seeraan ala gaafa abbaan kiyyaa lubbuun jiru kennaan isarraa waan argateef akka naaf gadi lakkisu jechuun murtii manneen murtii jalaa kan falmiin kee darbinsa yeroo waggaa kudha lamaatiin( l2) ttiin dangaha jechuun dura kuffisan irraa oliyyattee fi waamaman immoo falmiin iyyattuu darbinsa yeroo waggaa 12 ttiin kufaa waan ta’uuf murtiin manneen murtii jalaa akka naaf cimu jechuun falmate irratti waamaman lafa kana iyyattuuf akka gadi lakkisu jechuun murteeseera

✍ #kunis

✅ Nama qabiyyee lafa baadiyyaa seeraan ala qabate kamiyyuu hanga waggaa 12tti gadi dhiisisuuf darbiinsa yerootiin akka hin daangofne ta’uu Dambii Bulchiinsaa Fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa lak.151/2005 keewwata 32 jalatti kan tumame irraa ni hubatama.

✅Kana jechuun kallattii biraatiin yoo hiikamu qabiyyee lafa baadiyyaa karaa seeraan alaatiin namni qabate tokko akka gadi lakkisu gaafatamuu kan danda’u hanga waggaa 12 qofatti ta’uu isaa ti

✅Kana jechuun immoo waggaa 12 booda abbaan qabiyyee sababa darbinsa yerootiin gaafachuu akka hin dandeenye tahun kan hubatamuu dha

✅Garuu waliigaltee seeraan alaatiin qabiyyee lafa baadiyyaa argachuu jechuun bittaa fi gurgurtaa lafaatis waan dabalatuuf kan heera mootummaa federalaa fi naannoo keenyaa lafti kan uummataa fi kan mootummaa akka ta’ee akkasumaas kan hin gurguramnee fi hin jijjiiramne isa jedhuu wajjiin kan walfaallessuu dha

✅Akka heera mootummaa keewwata 9(2) jalatti tumamettis  gochi heera mootummaa wajjin walfaallessu raawwatinsa kan qabu miti

✅Kallattii biraatiin immoo waliigalteen seeraan ala ta’e tokko darbinsa yerootiin daangeeffamuu akka hin dandeenye dhaddachi ijibaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa jildii 12 lak.galmee 43226 ta’e irratti dhaddacha gaafa 07/06/2003 ooleen murtii dirqisiisaa kenneera

✅Akkasumas dhimma falmii qabiyyee lafa baadiyyaa wajjin walqabatu irratti murtii jildii kana irratti kenname eeruun jildii 14ffaa lakk. Galmee 79394 ta’e irratti dhaddacha guyyaa 25/08/2008 ooleen murtii dirqisiisaa kennee jira

✅Murtii dirqisiisaa dhaddacha Ijibbaataa Federaalaatin kennamu immoo manneen murtii biyya kana hunda irratti bu’ura labsii lak.457/1997 keewwata 2(1) ttiin raawwatinsa kan qabu dha

✅ Dambiin Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa lak.151/2005 keewwatni 32 tumaa Heera Mootummaa Fi Murtii Dirqisiisaa Dhaddacha Ijibbaataa Federaalaatin kenname wajjin kan walfaalleessuu dha

✅Keessattuu dambichi kan lafti hin gurguramu, hin jijiiramu jedhamee heera mootummaa keessatti tumame waliin kan walfaallessu waan ta’eef raawwatinsa kan qabu miti

✅Falmii ka’e ilaalchisee waamamaan lafa qabiyyee abbaa iyyattuu irraa kennaan fudhatee yeroo dheeraa itti fayyadamaa turuu isaa kan falmu ta’ullee miseensa maatii abbaa iyyattuu waan hin taaneef namni miseensa maatii abbaa qabiyyee hin taane immoo kennaan lafa baadiyyaa abbaa qabiyyee irraa argachuu waan hin dandeenyeef waliigaltichi waliigaltee seeraan alaa ta’a

✅Waliigalteen seeraa ala ta’e tokko darbinsa yeroon kan hin daangeffamnee fi yeroo kamiyyuu yeroo gaafatametti kan diigamu waan ta’eef waamamaan seeraan ala lafa kennaan abbaa iyyattuu irraa argatee yeroo dheeraaf qabate itti fayyadama turus waligalteen seeraan alaa darbinsa yerootiin waan hin dangeefamneef lafa falmii kaafte iyyatuuf gadi haa lakkisuu jechuun murtii manneen murtii jalaa diiguun lafa iyyattuuf murteeseera

❇️Kanaafuu manneen murtii keenya hundinu akka kanaan duraati ejjannoo adda addaa calaqisiiuu osoo hin ta’in himannaa qabiyyee lafa baadiiyyaa waliigaltee seeraa alaa kennaa fi gurgurtaas dabalatee dhiyaatu hunda isaa akkaatuma murtilee manneen murtii dhaddacha ijibaataa fedeeralaa fi dhaddacha ijibaataa mana murtii waliigala naannoo keenyaa murteesaniin darbinsa yerootiin osoo hin daangeessin yeroo kamittuu simichuun waliigaltee seeraan alaa lafa baadiyyaa waliin wal qabatu kamiyyuu raawwatinsa akka hin qabne gochuu qabu

✴️Erga akkana ta’e daangaan (scope) danbii lafa baadiyyaa keewwata 32 lafa seeraan ala qabatame hanga waggaa 12 gadi lakisiisuun ni danda’ama kan jedhu kun daangaan isaa hangami, dhimmoota akkamii hammachuu danda’a gaafii jedhuuf kallattii kaa’uun barbaachiisa

✅Kunis akkaataa xinxaala olitti bal’inan tasifne kanatti daangaan keewwata kana lafa baadiyyaa seeraan ala humnaan yokiin iccitiidhaan fedhii abbaa qabiyyee malee qabamte deebisuuf himannaa dhiyaatu qofa akka ta’e kan hubatamuu dha

✅Sababni isaas falmiin lafa baadiyyaa kanarraa hafe falmii dhalmayaan walqabatu yommuu ta’u falmii lafa baadiyyaa dhaalmayaan walqabatu irratti immoo darbinsi yeroo raawwii qabu kan danbii lafa baadiyyaa keewwata 32 jalatti tumame waggaa 12 osoo hin ta’in kan seera dhaalati raawwwii qaba (SHH keewwata 1000) jechuudha.

✍Sababni isaas dhimmi falmiif sababa ta’e lafa haa tahu malee himataan lafaan dhalmaayaan ani argachuu qabu yokiin lafa dhaalmayaa gahee kiyya himatamaan qabatee gadi naaf lakkisuu waan dideef dhaltuu tahuun kiyya naaf mirkanaa’ee lafa ani dhaluuf malu akka gadi naaf lakkisu jechuun bu’ura SHH keewwata 999 ttiin himannaa dhaaltummaa (petition heareditatis) dhiyeefachuun kan falma jiru waan taheef darbinsa yeroo ilaalchisee seeri addaa raawwii qabus seera dhaalati jechuudha

⚛Qabxii kana ilaalchisee DhIMMWO galmee lakk 97001 ta’e irratti haala kanaan murteesee ture

✅kunis falmii nama dhaaltuu fi dhaaltuu hin taane jiddutti ka’uuf darbinsi yeroo raawwii qabu kan SHH keewwata 1845 jalatti tumamee jiru yommuu ta’u

✅Falmii dhaaltu fi dhaaltuu jiddutti ka’uuf immoo darbinsi yeroo raawwii qabu kan SHH keewwata 1000 jalatti tumamee jiru dha

✅Darbinsa yeroo eenyummaa garee ilaalchisuun haala kanaan gargaar qoodee DHIMMWF jildii 6ffaa lakk galmee 26422 ta’e irratti kan murteessee dha

#Dhiyeenya kana immoo DHIMMWF jildii #24ffaa lakk galmee 179827 irratti murtii kanneen namni tokko lafa baadiyyaa karaa seera qabeessa ta’een argachuu isaa hanga hin mirkaneesinitti karaa seeraa ala ta’en qabachuun isaa tilmaamni waan fudhatamuuf darbinsa yeroo akka mormii sadarkaa duratti kaasuu hin danda’u jechuun labsii lafa baadiyyaa naannoo Amaaraa keewwata 55 waliin walqabsiisuun murteesee jira.

Kana jechuun namtichi himatamee lafa falmii kaafte karaa seera qabeessa ta’een qabachuu isaa yoo mirkaneesse himannii kufa ta’e lafti isaa murtaa’a

 Namtichi lafa falmii kaafte kana karaa seeraan alaatiin kan qabatu yoo ta’ee fi osoo inni hin qabatin dura lafichi qabiyyee himataa yoo taate garuu sababa waggaa dheeraa qabatee itti fayyadamaa tureef darbinsa yeroo akka mormii sadarkaa duratti kaasuun abbaa qabiyyee lafa kanaa ta’u waan hin dandeenyeef lafa falmii kaafte himataaf gadi lakkisa .

☑️ Darbinsi yeroo danbii lafa baadiyyaa naannoo oromiyaa keewwaata 32 jalatti tumamee jiru mirga himataa himannaa dhiyeesuu kan dangeessuu dha moo namni waggaa 12 oliif lafatti fayyadamaa ture abbaa qabiyyee lafa tanaa ta’u akka danda’uufi? Amma hoo akkaataa murtii MMWFDHIJ jildii 24ffaa irratti murteese kanaan darbinsi yeroo danbii kana keewwata 32 jalatti tumamee jiru miila bakar waaree ta’e jira.

✍ kanaan dura manni murtii waliigala oromiyaa galme hin maxxanfamin tokko irratti lafa himatamaan waggaa digdama ol waniin qabadhe itti fayyafama jiruuf himannaan himata darbinsa yerootin kan dangahudha jechuun falmaa ture ilaalchisee qabiyyee lafa akka seerati karaa sadi qofaan kan argamu waan taheef himatamaan lafa falmii kaafte waggaa digdama sababa itti fayyadame qofaaf abbaa qabiyyee tahuu waan hin dandeenyeef akka himataaf gadi lakkisu jechuun murteesee jira.

 

Design a site like this with WordPress.com
Get started